Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Zabuuriiwwan 141

Akka Qananii Jaldhootaatiin Hin fudhatamneef Duʼaa gochuu

Zabuurii Daawud.

Rabbii Allaah, ani sin waammadha; dafii na qaqqabi.

Yommuu ani si waammadhus sagalee koo dhagaʼi.

Duʼaan koo fuula kee duratti akka ixaanaatti anaaf haa fudhatamu;

harka koo ol qabachuun koos akka aarsaa galgalaa anaaf haa taʼu.

Rabbii Allaah, afaan kootiif eegduu naa dhaabi;

balbala afaan kootiis naa eegi.

Garaan koo namoota waan hamaa hojjetan wajjin,

hojii hamminaa keessatti hirmaachuuf,

gara jalʼina kamiitti iyyuu hin harkifamin;

akka ani nyaata isaanii miʼaawaa nyaadhus anaaf hin eeyyamin.

Namni qajeelaan na haa rukutu; kun gara laafinaatii;

inni ana haa ifatu; kunis zayitii mataa koo irraatti.

Mataan koo waan kana hin didu.

Taʼus duʼaan koo yoom iyyuu hojii hamootaatiin mormuu dha.

Bulchitoonni isaanii ededa boollaa irraa gad ni darbatamu;

isaan dubbii koo ni dhagaʼu; dubbiin koo ni miʼaawaatii.

Isaanis, “Akkuma namni lafa qotu biyyoo bulleessu sana,

lafeen keenya afaan siiʼool irratti bittinneeffamee jira” jedhu.

Rabbii Allaah Gooftaa, ani garuu ija koo sirraa hin buqqifadhu;

ani kooluu sitti galeera; dabarsitee duʼatti na hin kennin.

Kiyyoo isaan naaf kaaʼan irraa,

kiyyoo warri jalʼina hojjetan naaf qopheessan irraas na eegi.

Warri hamoon kiyyoo ofii isaaniitiin haa qabaman;

ani garuu nagumaan nan baʼa.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.