Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 142
Duʼaa Nama Ariʼatamaa Jiru Tokkoo
Maaskiilii Daawud
Ani gara Rabbii Allaahatti nan iyya;
sagalee kootiinis fuula Rabbii Allaah duratti // waammata koo nan dhiʼeeffadha.
Ani guungummii koo fuula isaa duratti nan dhangalaasa;
dhibee koos fuula isaa duratti nan himadha.
Yeroof hafuurri koo na keessatti laafu,
situ karaa koo beeka.
Namoonni daandii ani deemu irra,
kiyyoo naa kaaʼaniiru.
Gara mirga koo ilaali; argis;
namni naa yaadu tokko iyyuu hin jiru;
ani iddoon itti kooluu galu tokko illee hin qabu;
namni jireenya kootiif yaadus hin jiru.
Rabbii Allaah, sitti nan iyyadha;
“Ati iddoo ani itti kooluu galuu dha;
biyya warra jiraatoo keessattis ati qooda koo ti” nan jedha.
Ani abdii kutadheeraatii,
duʼaa koo naa dhagaʼi;
warra na ariʼatan jalaa na baasi;
isaan akka malee natti cimaniiruutii.
Akka ani maqaa kee galateeffadhuuf,
lubbuu koo mana hidhaatii naa baasi.
Sababii ati waan gaarii naa gooteef,
qajeeltonni naannoo kootti walitti qabamu.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.