Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 140
Duʼaa Hamoota Irratti Dhiʼaate
Dura Buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.
Rabbii Allaah, namoota hamoo jalaa na baasi;
namoota finciltoota
warra garaa isaanii keessatti hammina yaadanii
guyyaa hunda waraana kaasan narraa eegi.
Isaan arraba isaanii akkuma bofaa qaratu;
hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira.
Rabbii Allaah, harka hamootaa narraa eegi;
namoota finciltoota // warra miilla koo kiyyootti galchuu yaadan jalaa na baasi.
Of tuultonni dhoksanii kiyyoo na dura kaaʼaniiru;
ribuu kiyyoo isaanii diriirsaniiru;
karaa koo irras kiyyoo isaanii kaaʼaniiru.
Rabbii Allaah, ani, “Ati Allaah koo ti” siin nan jedha.
Rabbii Allaah, waammata koo dhagaʼi.
Rabbii Allaah Gooftaa, fayyisaa koo jabaa,
ati guyyaa waraanaatti gaachana mataa naa taate.
Rabbii Allaah, akka fedhiin hamootaa fiixaan baʼu hin godhin;
akka isaan of hin tuulleef, akka karoorri isaanii milkaaʼu hin godhin.
Mataan warra na marsanii,
hammina afaan isaaniitii baʼuun haa haguugamu.
Barbadaan ibiddaa isaan irra haa buʼu;
isaan ibiddatti illee haa darbataman;
akka lammata hin kaaneefis boolla qileetti haa darbataman.
Maqa balleessitoonni lafa irra hin jiraatin;
namni jalʼaan waan hamaadhaan haa badu.
Rabbii Allaahan rakkattootaaf falmee
hiyyeeyyiif illee murtii qajeelaa akka kennu ani beeka.
Dhugumaan namni qajeelaan maqaa kee ni galateeffata;
namni tolaanis fuula kee dura ni jiraata.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.