Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 125
Allaahan Amanamtoota Isaa Ni eega
Zabuurii ol baʼuu.
Warri Rabbii Allaah amanatan akka Tulluu Xiyoon
kan hin raafamne, kan bara baraan jiraatu sanaa ti.
Akkuma tulluuwwan Yerusaalemin marsan sana,
Rabbii Allaahan ammaa jalqabee hamma bara baraatti,
saba isaa ni marsa.
Akka qajeeltonni jalʼina hojjechuuf
harka isaanii ol hin diriirfanneef,
bokkuun hamootaa lafa qajeeltotaaf
ixaadhaan qoodame irra hin jiraatu.
Rabbii Allaah, warra gaariif,
warra garaa isaaniitiin toloota taʼaniifis waan gaarii godhi.
Warra karaa micciiramaatti garagalan garuu,
Rabbii Allaahan akkuma warra hammina hojjetan balleessu jaras ni balleessa.
Nagaan Israaʼeliif haa taʼu.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.