Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Zabuuriiwwan 126

Zabuurii Warra Boojuudhaa Deebiʼanii

Zabuurii ol baʼuu.

Yeroo Rabbii Allaahan warra boojiʼamanii turan gara Xiyoonitti deebisetti,

nu akka warra abjuu abjootanii taane.

Afaan keenya kolfaan, arrabni keenya immoo

faarfannaa gammachuutiin guutame.

Kana irratti saboota gidduutti,

“Rabbii Allaahan waan guddaa isaaniif godheera” jedhame.

Rabbii Allaahan waan guddaa nuuf godhe;

nus ni gammanne.

Rabbii Allaah, akkuma lagoota Negeeb,

boojuu keenya nuu deebisi.

Warri imimmaaniin facaasan,

faarfannaa gammachuutiin ni haammatu.

Namni sanyii facaafamu baadhatee booʼaa gad baʼu,

bissii isaa baadhatee faarfannaa gammachuu faarfachaa deebiʼa.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.