Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 124
Fayyisaa Israaʼel
Zabuurii ol baʼuu. Zabuurii Daawud.
Israaʼel akkana haa jedhu:
Utuu Rabbii Allaahan garee keenya taʼuu baatee,
utuu Rabbii Allaahan garee keenya taʼuu baatee,
yommuu namoonni nutti kaʼanitti,
yommuu aariin isaanii nutti bobaʼetti,
silaa isaan utuu nu lubbuun jirruu nu liqimsu turan;
lolaan nu liqimsee
dhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture;
bishaan hamaan
nu fudhatee bada ture.
Rabbii Allaahan akka nu ilkaan isaaniitiin cicciramnuuf
dabarsee itti nu hin kennin sun haa eebbifamu.
Akkuma simbirri kiyyoo adamsituu jalaa baatu,
nu isaan jalaa baaneerra;
kiyyoon ni ciccite;
nus jalaa baane.
Gargaarsi keenya maqaa Rabbii Allaaha,
Uumaa shamaayʼunii fi lafa sanaa ti.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.