Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 11
Allaah Amanachuu
Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.
Ani Rabbii Allaahatti kooluu galeera.
Yoos isin akkamitti lubbuu kootiin akkana jechuu dandeessu:
“Ati akkuma simbirroo tulluu keetti barrisi.
Kunoo namoonni hamoon iddaa isaanii dabsataniiru;
isaan warra toloota taʼan,
dukkana keessa waraanuuf jedhanii,
xiyya isaanii ribuutti dhaabbataniiru.
Yoo hundeewwan diigaman, namni qajeelaan
maal gochuu dandaʼa?”
Rabbii Allaahan mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira;
teessoon Rabbii Allaah shamaayʼun irra jira.
Inni ilmaan namootaa ni ilaala;
iji isaas namoota ni qora.
Rabbii Allaahan qajeeltotaa fi jalʼoota ni qora;
lubbuun isaa garuu nama goolii jaallatu ni jibbiti.
Inni hamoota irratti, barbadaa ibiddaatii fi
dinyii bobaʼu ni roobsa;
qoodni isaaniis bubbee finiinaa dha.
Rabbii Allaahan waan qajeelaa taʼeef,
murtii qajeelaa jaallata;
toloonnis fuula isaa ni argu.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.