Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Ayyuub 26

Ayyuub

Ayyuub akkana jedhee deebise:

“Ati nama humna hin qabne hammam gargaarte!

Irree laafes hammam jajjabeessite!

Nama ogummaa hin qabneef gorsa akkamii kennite!

Beekumsa guddaa akkamiis argisiifte!

Akka ati dubbii kana dubbattuuf eenyutu si gargaare?

Hafuura eenyuutu afaan kee keessaa dubbate?

“Warri duʼan, warri bishaanii gadiitii fi

kanneen bishaan keessa jiraatan hundii ni hollatu.

Duuti fuula Allaaha duratti qullaa jira;

badiisnis waan isa dhoksu hin qabu.

Allaahan iddoo duwwaa irra shamaayʼun kaabaa diriirsa;

lafas iddoo duwwaa irratti rarraasa.

Inni duumessa isaatiin bishaanota hidhee qaba;

duumessi sunis bishaanota jalatti hin dhoʼu.

Inni duumessoota isaa itti uffisuudhaan

fuula jiʼaa ni haguuga.

Inni fuula bishaanotaa irratti,

ifaa fi dukkana gidduu daarii dhaabe.

Utubaawwan shamaayʼun ni hollatu;

dheekkamsa isaatiinis ni rifatu.

Inni humna isaatiin galaana ni raasa;

ogummaa isaatiinis Raʼaabin ni ciccira.

Hafuura baafatuun shamaayʼuniiwwan qulqulleesse;

harki isaas bofa shawwisaa waraane.

Wantoonni kunneen hojii isaa keessaa qarqaruma qofa;

hasaasni nu waaʼee isaa dhageenyu hammam xinnaa dha!

Yoos kakawwee humna isaa eenyutu hubachuu dandaʼa ree?”

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.