Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Ayyuub 27

Ayyuub haasaa isaa itti fufee akkana jedhe:

“Dhugaa Allaah jiraataa murtii qajeelaa na dhowwate,

Allaah Waan Hunda Dandaʼu kan lubbuu koo hadheesse sanaa,

hamma lubbuun na keessa jirtutti,

hamma hafuurri Allaaha funyaan koo keessa jirutti,

afaan koo hammina hin dubbatu;

arrabni koos nama hin gowwoomsu.

Isin qajeeltota jechuu, Allaahan ana irraa haa fagaatu;

ani hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu.

Qajeelummaa koo jabeessee nan qabadha; gadis hin dhiisu;

bara jireenya kootii guutuu qalbiin koo na hin komattu.

“Diinni koo akka nama hamaa, mormituun koo

akka nama jalʼaa haa taʼu!

Yommuu Allaahan lubbuu isaa isa irraa fudhatee isa balleessutti,

namni Allaahaf hin bulle abdii maalii qaba?

Yeroo rakkinni isatti dhufutti,

Allaahan iyya isaa ni dhagaʼaa?

Inni Allaah Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadaa?

Yeroo hundas Allaah waammataa?

“Ani waaʼee harka Allaaha isin nan barsiisa;

waan Allaah Waan Hunda Dandaʼu bira jirus isin hin dhoksu.

Hundi keessan waan kana argitaniirtu;

yoos haasaan faayidaa hin qabne kun maali?

“Carraan Allaahan nama hamaaf qoode,

dhaalli namni jalʼaan Allaah Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu kana:

Ijoolleen isaa akka malee baayʼatan iyyuu goraadeetu isaan eeggata;

sanyiin isaas waan nyaatee quufu hin qabaatu.

Hambaa isaa dhaʼichatu qabrii;

niitonni isaaniis hin booʼaniif.

Inni meetii akkuma biyyootti tuullatee

uffata immoo akkuma supheetti kuufatu illee,

waan inni kuufate nama qajeelaatu uffata;

meetii isaa illee nama balleessaa hin qabnetu qooddata.

Manni inni ijaaru akkuma mana dholdholee ti;

akkuma daasii eegduun ijaaruu ti.

Inni utuma qabeenya qabuu dhaqee ciisa; garuu itti hin deebiʼu;

yeroo inni ija banatutti, qabeenyi isaa hundi hin jiru.

Sodaan akkuma lolaa isa irra garagala;

bubbeen hamaan immoo halkaniin isa fudhatee sokka.

Bubbeen baʼa biiftuu isa fudhata;

innis hin argamu; bubbeen sunis lafa inni jiru irraa isa haxaaʼa.

Inni humna bubbee jalaa baʼuuf jedhee baqata;

bubbeen sunis gara laafina tokko malee itti of darbata.

Harka isaa dhadhaʼee itti qoosa;

afuufees iddoo isaatii isa balleessa.”

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.