Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Ayyuub 25

Bildaad

Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:

“Mootummaa fi sodaatamuun kan Allaaha ti;

inni shamaayʼuniiwwan ol fagoo keessatti nagaa buusa.

Loltoonni isaa lakkaaʼamuu dandaʼuu?

Ifni isaa eenyu irratti utuu hin baʼin hafa?

Yoos namni akkamitti fuula Allaaha duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa ree?

Namni dubartii irraa dhalate akkamitti qulqulluu taʼuu dandaʼa?

Yoo jiʼi illee fuula isaa duratti hin ifne,

yoo urjiiwwanis ija isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan,

namni raammoo foonii taʼe,

ilmi namaa kan raammoo taʼe sun hammam kanaa gad haa taʼu ree!”

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.