Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 91

Eegunsa Waaqaa Jala Jiraachuu

Nami gollaa Waaqa Ol Aana'aa jala le'u,

ka gaaddisa Waaqa Waan Mara Dande'uu jalatti foorfatu,

Mootii Waan Maraatiin, «Ati addee ani itti baqadhu, kushee tiyya,

Waaqa kiyya ka ani itti addadhu» hin jedha.

Waaqi tiyyoo nami si'iif afee fi

dhukkuba hamaa jalaa si hin baasa.

Inni koola ifiitiin si golla;

baala isaa jalatti baqatta;

addatamummaan isaa wonte'ee fi

kushee si'iif hin te'a.

Ati waan halkan nama sodaachisu,

daaya guyya'aan namatti darbatamu

yookiin dhukkuba hamaa halkaniin deemu,

yookiin balaa guyyaa wodhakkaa

nama balleessu hin sodaattu.

Kum tokko cinaa teetitti,

kum kudhan midda keetitti hin jigan;

ammoo si hin tuqanu.

Ati ammoo ila teeti qofaan ilaaltee,

adabamiisa worra hama'aa dhaggita.

Ati Mootii Waan Maraa addee itti baqattu,

Waaqa Ol Aanaa mana keeti waan godhatteef,

wonni hantuun sitti hin dhuttu;

balaan qe'ee teetitti hin dhikaatu.

Sababille karaa ati ideentu maratti,

akka si eeganuuf,

inni ergantoota ifii si'iif hin ajaja.

Miilli keeti dhaka'aan akka hin gufanne,

isaan harka ifiitiin ol si hin kiphan.

Ati neenqaa fi dhudhuufaa irra hin ejjatta;

neenqa dardaraa fi buutii irra hin sirbita.

Mootiin Waan Maraa, «Inni waan na jaalatuuf,

ani diinota isaa jalaa isa hin baasa;

inni maqaa kiyya waan beekuuf,

ani isa hin eega.

Inni na hin waammata;

anille deebii isaaf hin kenna;

yennaa inni rakkatu isa woliin hin jiraadha;

ani isa hin baasa; ulfinnalle isaaf hin kenna.

Jiruu bara dheera'aatiin isa hin quussa;

ani fayyisaa isaa akka te'e

akka inni dhaggu hin godha» jedha.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.