Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 92

Hujii Isaatiif Mootii Waan Maraa Leellisuu

Faaruu Guyyaa Sanbataa

Ee Mootii Waan Maraa, si leellisuun

Ee Waaqa Ol Aana'a,

maqaa keetiif faaruu leellisaa dhikeessuun dansa'a.

Jaalala keeti ka bara baraa ganamaan,

addatamummaa teeti halkaniin lallabuun,

meya faaru'uu ka ribuu kudhan qabuu fi

yoyyoma kiraara guddichaatiin

si leellisuun dansa'a.

Ee Mootii Waan Maraa, hujii teetiin na gammachiitta;

ani hujii harka keetiititti gammadee faarfadha.

Ee Mootii Waan Maraa, hujiin teeti attam attam guddo'o;

yaadi keeti attam attam gad fagaata!

Nami daalleen tana hin beeku;

gowwaalle tana hin hubatu.

Worri hamaan akka marraa latanulle,

worri waan hantuu huju marti daraaranulle,

isaan ijjumaayyuu hin badan.

Ee Mootii Waan Maraa, ati ammoo

haga bara baraa ol aana'a.

Ee Mootii Waan Maraa, diinoti keeti,

dhugumaan diinoti keeti hin badan;

worri waan hantuu huju marti hin bittinnowan.

Ati akka gafarsaa na jabeessitee1,

zayiti'iin na muudde.

Ilti tiyya injifatama diinota kiyyaa dhaggite;

gurri kiyyalle iyya nyaaphota kiyya hamoole'ee dhage'e.

Nami balchaan akka muka meexxi'ii hin oshoba;

akka hindheensa Libaanonii hin banqaaqa.

Isaan akka muka mana Mootii Waan Maraa keessatti dhaabamanee,

badhinna mana Waaqa keennaatiin duraa keessatti

hin oshoban.

Isaan akka muka dullummaa keessa midhaan buusuu,

ka yennaa mara bisille'ee

hin te'an.

Isaan, «Mootiin Waan Maraa sirri'i;

inni rassaa ani itti baqadhu;

isa keessa hammeenni hin jiru» jedhan.

Source notes (1)
  1. Footnote Akka gafarsaa na jabeessitee: Afaan Ibrootaatiin akka gaafa gafarsaa gaafa kiyya ol kaache jedha. Gaafi ammoo jabeenna isaa ilaala.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.