Kitaaba Woyyuu
Kitaaba Faaru'uu 93
Arnya Mootii Waan Maraa
Mootiin Waan Maraa mooti'i; inni arnya uffate;
arnya uffatee jabeennaan hidhate.
Biyyi lafaa jabaattee dhaabbatte;
isiin ijjumaa hin tachootu.
Barcumaan mootumma'aa keeti
durii duriitii jalqabee dhaabbate;
ati bara durii duriitii jalqaddee jirta.
Ee Mootii Waan Maraa, lagi hedduun ol kakka'e;
shookkisiisa ifii ol qabate;
danbalii shookkisiisa ifiille ol kaafate.
Shookkisiisa bisaan jabaa heddu'uu caalaa,
danbalii abbaaya'aa hunnaamettii caalaa,
Mootiin Waan Maraa ka ol-gubbaa jiru hunnaamessa.
Ee Mootii Waan Maraa, seerri keeti ka addatame;
manni keetille haga bara baraa woyyumma'aan ka miidhage.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.