Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 63

Waaqa Barbaadiisa

Faaruu Daawitii ta inni yennaa goomolee Yihuda'aa keessa jiru Faarfate.

Ee Waaqa, ati Waaqa kiyya;

ani si barbaada.

Akka lafa bisaan dhaddee goggoddee,

lubbuun tiyya si dheebotti;

nafi kiyyalle si dharra'a.

Tanaaf, ani Dunkaanii Woyyittii teeti keessatti

si ilaalee,

hunnaa fi ulfinna keeti dhagge.

Jaalalli keeti ka bara baraa

jiruu waan caaluuf,

arrabi kiyya si leellisa.

Ani haga jiru si leellifadha;

harka kiyya ol qabadhee,

maqaa keeti waammadha.

Akka sagalee dansaa nyaatteetitti,

lubbuun tiyya quutte;

afaan kiyya arraba ililleetti'iitiin si leellisa.

Taqee tiyya irratti si qaabadha;

halkan duudii marroo teeti yaada.

Ati qarqaarsa kiyya waan teeteef,

gaaddisa bobaa teetii jalatti,

gammadaan faarfadha.

Lubbuun tiyya sitti maxxanti;

harki keeti middichi ol na qaba.

Worri jiruu tiyya balleessiisaaf barbaadu,

qilee lafa jalaatitti gad bu'a.

Isaan shallaagaa afaan bu'an;

jeedalaaf sagalee te'an.

Mootichi ammoo

Waaqaan hin gammada;

worri maqaa Waaqaatiin kakatu marti

Waaqa hin leellisa;

afaan worra dharaameyyi'ii hin cufama.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.