Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 62

Waaqa Qofatti Addatuu

Faaruu Daawitii sooressa faarfattootaa Yedutu'uuf.

Fayyinni kiyya isa irraa waan dhufuuf,

lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eegatti.

Inni callaan rassaa kiyyaa fi fayyinna kiyya;

inni kushee tiyya; ani ijjumaa hin raafamu.

Nama akka dalleya dhaka'aa ka duufee,

akka dalleya daaqee te'e tokko,

isin haga yoomii isa lolaa teettan ree?

Isaan nama san addee ulfinnaa irraa

gad isa buusiisaaf barbaadan.

Dhara dubbatiisatti gammadan;

afaan ifiitiin hin eebbisan;

gadhaa ifiitiin ammoo hin abaaran.

Lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eeggatti;

addiin tiyya isa irraa naa dhutti.

Inni callaan rassaa kiyyaa fi fayyinna kiyya;

inni kushee tiyya; ani ijjumaa hin raafamu.

Fayyinnii fi ulfinni kiyya Waaqa irraa dhufe;

inni rassaa jabaa kiyya; addee ani itti baqadhulle'e.

Ee kolba'a, yennaa mara Waaqatti addadha'a;

Waaqi ka itti baqannu waan te'eef,

yaada gadhaa keessanii mara itti himadha'a.

Ilmaan namaa akka qilleensaa ti;

namooti marti womaa moti.

Isaan yoo madaalamane,

qilleensa caalaa sallatan.

Hunnaan saamiisatti hin addatina'a;

waan hannaan dhaggameen hin koorina'a;

yoo karri teessan ede'antelle,

addii itti hin godhatina'a.

Waaqi takkaa dubbateera;

ani waan lama dhage'eera.

Sunille, «Hunni ta Waaqaa ti;

jaalalli bara baraa ka Gootta'aa ti» ta jettu.

Ee Gootta'a ati maraafuu

akka hujii isaatitti gatii isaaf kaffalta.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.