Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 64

Daadimata Diinota Jalaa Bayiisaaf Dhikaate

Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

Ee Waaqa, rakkinna keessatti

qoonqoo tiyya naaf dhage'i;

sodaachisaa diinaa irraa na eegi.

Mala worra hama'aa duraa,

waan hantuu hujiisaa

worra wolitti qabamu duraa na dhossi.

Isaan arraba ifii akka shallaaga'aa qaratan;

dubbii hadhoottuu akka daayaa darbatan.

Isaan dhokatanee nama yakkaa hin qannetti,

sodaa malee dedhuma darbatan.

Isaan waan hantuu hujiisaaf woliin mari'atan;

tiyyoo afiisaaf dhossa'aan mala dhowaa,

«Eentu nu dhagga?» jedhaa yaadan.

Yaadi gadhaa namaatii fi qalbiin namaa

gad fagoo waan teeteef,

isaan waan hantuu mala dhowanee,

«Nuuti mala dansaa dhoonneera» jedhan.

Waaqi ammoo daaya ifii gara isaanii hin darbata;

isaan dedhuma hin madowan.

Waaqi dubbuma arraba isaaniitiin

gara badi'ii isaan fida;

worri isaan dhaggu marti

murgo'oon mataa ifii itti hin raasan.

Nami marti hin sodaata;

isaan hujii Waaqaa lallabaa,

waan inni godhelle yaadanee hin hubatan.

Worri balchaan

Mootii Waan Maraatiin gammaduu ti;

isatti baqatuu ti;

worri qajeelaan marti

Mootii Waan Maraa leellisuu ti.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.