Kitaaba Woyyuu
Kitaaba Iyoobii 26
Iyoob
Achiin duuba Iyoob deebisee,
«Ati nama hunna hin qanne
attam attam qarqaarte!
Nama dadhabaalle
attam attam jabeessite!
Ati nama qaroo hin te'in
attam attam gorsite!
Beekkumsalle attam attam kenniteef!
Tana akka dubbattu ka si qarqaare eennu?
Ayyaana eennuutitti afaan keeti keessaa dubbate?
«Ekeraan abbaaya'aan jalatti
rorommiisatti jirti.
Addeen worri du'e jiru
Waaqa duratti guutumatti mudhatti;
wonni takkaalle isii hin gollitu.
Waaqi gubbaa gara kaabaa addee duwwaa irratti diriirse;
lafaalle womaa adoo jala hin jiraatin rarraase.
Waaqi duumensa keessatti bisaan kipha;
duumensille ulfaatiisa bisaaniitiin hin tarsa'u.
Inni barcumaa mootummaa ifii
duumensa ifii diriirsee hin golla.
Waaqi ifaa fi dukkana gargar baasiisaaf,
bisaan irratti naannessee meessaa godheera.
Yennaa inni xixu
utubooti ol-gubba'aa soda'aan hin raafaman.
Inni hunna ifiitiin
abbaayaa hin sarmisiisa,
qarummaa ifiitiin bineensa guddaa abbaayaa keessaa ka, ‹Rahaab› jedhamu hin kukkuta.
Inni hafuura ifiitiin ol-gubbaa qulqulleessee,
harka ifiitille'een jawwee lowiisatti jirtu woraane.
Kun duudiin waan Waaqi huju keessaa diqqo'o;
nuuti hasaassaa isaa qofa dhageenna;
mandiisuu hunna isaa eentu hubatuu dande'a ree?» jedhe.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.