Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Iyoobii

Job

Introduction from this edition

Kitaaba Iyoobii

Seensa

Kitaab Iyoobii dabarsii marroo namicha dansaa rakkoon jaddu'uu fi balaan irra dhaqqabe tokkoo hima. Nami kun ijoollee ifiitii fi qabeenna ifii mara dhabiisa qofa adoo hin te'in, madaa hantu'uun farre. Achiin duuba wolaloo sad ta akka mari'iitiin dhikaatteen Iyoobii fi jaaloti isaa haala farrisiisaa akkanaatiin waan itti dhage'ame mudhisan. Dhuma irratti Waaqi ifiifuu Iyoobitti mudhata.

Jaaloti Iyoobii rakkoo isa irra dhaqqadde yaada dhugeeffannaa aada'aatiin diidessan. Tanaaf isaan, «Waaqi nama qajeela'aaf waan dansaa kenna; nama hamaa hin adaba; tanaaf Iyoob cubbuu waan hujeef rakkoon tun isa irra dhaqqadde» jedhan. Iyoob nama balcha'aa fi qajeelaa waan te'eef, adabbiin hantuun tun ammoo ta isa irra dhaqqabu'uuf hin malle. Wonni hiibboo te'e nama balchaa akkasii irratti adabbiin hantuun dhaqqabiisa. Iyoob dhugeeffannaa ifii irraa duubatti deebi'iisa dhabulle, Waaqi muraa sirri'ii isaaf kennee, akka bilisa isa baasuu fi akka duriititti akka isa deebisuuf Waaqa jabeessee gaafatiisa hin lakkinne.

Waaqi gaaffii Iyoobiitiif deebii tokko tokkoon kennuu dhabulle, dhugeeffanna'atti jabaatiisa isaa, hunnaa fi qarooma ifii ka adda te'een bifa wolaloo baaseffachiittuun deebii isaaf kenneera. Achiin duuba Iyoob, Waaqi gudda'aa fi qaroo akka te'e hubatee, sodaa male'ee fi dubbii mufi'iitiin waan itti dubbateef gaabbee, araara galeera.

Dhuma irratti kutaan barreeffama karaa wolaloo hin te'iniin barreeffame, Iyoob akka duriititti akka deebi'ee fi karralle ta durii caala'aayyuu akka dhaggate hubachiisa. Jaaloti Iyoobii rakkoon isa dhaqqadde sababa maaniitiif akka teete waan hin beekiniif, Waaqi guddoo isaan xixeera. Yaada dhugeeffannaa aada'aatiin caalaa Waaqi guddaa akka te'e ka hubate Iyoob qofaayyu.

Haadhoo Dubbi'ii

Iyoob karra ifii, maatii ifiitii fi fayyaa ifii dhabe

Iyoob guyyaa dhalate abaare

Marii qaraa

Marii lammeesso'oo

Marii sadeesso'oo

Dubbii Iyoobii ta muumme'ee

Iyoob balleessaa akka hin qanne mirkaneessee dubbate

Dubbii Eliihuu

Dubbii Mootii Waan Maraa ta qaraa

Dubbii Mootii Waan Maraa ta lammeesso'ootii fi deebii Iyoobii

Waaqi deebi'ee Iyoob fayyisee, karraa fi maatii isaa eebbise

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.