Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Iyoobii 25

Biildaad

Achiin duuba Biildaad nami biyya Shu'aa deebisee,

«Mootumma'aa fi sodaatamuun ta Waaqaa ti;

inni ol-gubbaa oliititti nageya hin buusa.

Laakkowamuu dandeettii ree?

Ifi isaa eennu irratti ifuu dhaba ree?

Nami attam Waaqa duratti

balchaa te'uu dande'a ree?

Nami nama te'ee dhalate

attam qulqulluu te'uu dande'a ree?

Kunoo, ji'inuu isa duratti akka dansaa hin ifu;

urjootille isa duratti qulqullu'uu moti.

Ilmi namaa ka akka raammo'oo fa'a,

attam attam caalaa diqqaata ree!» jedhe.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.