Kitaaba Woyyuu
Kitaaba Iyoobii 7
«Nami elo'oon lafa irra jiraataa motii?
Barri isaalle akka bara
nama qaxaramee hujuutii motii ree?
Akka garboolee gaaddisa jala foorfatiisa barbaadanuutii fi
akka hojjatoota mindaa ifii eegatanuutii mootii?
Ji'ooti elo'oo naaf ka bu'aa hin qanne te'ane;
halkan farraalle
naaf kennamane.
Yennaa rafu ‹Yoom dammaqa?› jedhaa,
halkan natti dheeratee,
haga bariitutti asii fi achi
gara gaggala.
Nafi kiyya duudiin
corroqoyee qonyonyaayeera;
babbaqaqeelle maloweera.
«Barri kiyya mooqaa harfa'aa1
caalaa ariifata;
addii maleelle dhumata.
Ee Waaqa, jiruun tiyya akka hafuura baafatiisaa fi fudhatiisaa ti;
ilti tiyya deebitee waan dansaa hin dhaggitu.
Ilti amma na dhaggitu,
deebitee na hin dhaggitu;
ati na hin barbaadda ani ammoo hin jiru.
Akkuma duumensi bittinnowee badu,
nami du'ee awwaalamu deebi'ee hin ka'u.
Lammoo gara mana ifii hin deebi'u;
worri isa beeku duudiin isa hin dedha.
«Tanaaf ani hin cadhisu;
laalaa ayyaana kiyyaa hin dubbadha;
hadhaa lubbuu tiyyaa irraa ta kaate hin gunguma.
Ati akka na eeganuuf ka goote,
ani abbaaya'a moo bineensa guddaa abbaaya'aa ti?
Taqeen tiyya na jajjabeessiti;
addeen ani rafu dhibee tiyya irraa goonsiti
yennaa jedhu,
ati ammoo oojju'uun na sodaachitta;
mudhille'een na bararassita.
Jiruu farraa tanaa mannaa
suruurraa ifitti dhowee
du'u naaf woyya.
Ani jiruu tiyya jibbeera;
haga bara baraa le'iisa hin barbaadu;
barri jiruu tiyyaa gabaabaa2 waan te'eef
na lakkis.
«Akka nama barbaachisaa te'e tokkootitti akka isa ilaaltuuf,
akka guddoo isa yaadattuufille nami maan inni?
Ati ganama ganama isa hin ilaalta;
yennaa mara isa hin qorqorta.
Haguma hancufa liqinsu
ila ana irra hin deebifattuu?
Waaqa namoota eeddu,
ani yoo cubbuu huje maan si godhe?
Maaf waan itti xiyyeeffattu na godhatte?
Ani hagana mara ba'aa sitti te'ee?
Ati maaf balleessaa tiyya naaf hin araaramin?
Maaf yakkaa tiyya ana irraa hin balleessin?
Ani amma waan awwaalamuuf,
ati na hin barbaadda,
ani ammoo hin jiru» jedhe.
Source notes (2)
- Footnote Mooqaa harfa'aa: Mooqaan harfa'aa kun ka worri woyaa dhowu suqaa keessa keyee gamaa fi gamanatti qolaanfatu.
- Footnote Gabaabaa: Afaan Ibrootaatiin baafata hafuuraa tokko jedha.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.