Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Iyoobii 23

Iyoob

Achiin duuba Iyoob deebisee,

«Ani iyyaa aadulle

dhowichi isaa waan natti jabaateef,

haga ammaa gadhaan kiyya

gadda hama'aa fi gungussu'uun guutameera.

Addee isa itti dhaggu adoo beeke,

gara addee inni le'uu dhaqee,

silaa iyyata kiyya isatti dhikeeffadhee,

afaan kiyya guutadhee isatti hin dubbadhaayyu.

Waan inni naaf deebisu

sila hin beekaayyu

waan inni naan jedhulle

sila hin hubadhaayyu.

Waaqi hunna ifii guddo'oon

na morminnaa laati?

Waawwo'o! Inni naaf hin dhage'a.

Achitti nami qajeelaan haajaa ifii

Waaqa duratti dhikeeffata;

Waaqi abbaan mura'aa kiyyalle

haga bara baraa bilisa na hin baasa.

«Ani gara aduun baatu yoo dhaqe

inni achi hin jiru.

Gara aduun seentulle yoo deebi'e,

isa dhagguu hin dandeenne.

Yennaa inni gara kaabaatiin huju

ani isa dhagguu hin dande'u.

Yennaa inni gara kibbaallee deebi'uu

ani isa dhagguu hin dande'u.

Inni ammoo karaa ani deemu mara hin beeka;

yennaa inni haga na ilaalu

akka worqi'ii qulqulluu te'eeruun na dhagga.

Miilli kiyya faana isaa gula deema;

karaa isaa irraa asii fi achi hin goru.

Ajaja afaan isaatii bawu irraa,

ani hin fagaanne;

jecha isaalle gadhaa kiyyatti qabadheera.

«Waaqi hin jijjiiramu;

eennulle isa mormuu hin dande'u;

inni waan fedhe godha.

Inni waan naaf yaade mara hin muummessa;

wonni hedduun akkasii qalbii isaa keessa jirti.

Tanaaf ani isa duratti hin bararaqa;

yennaa waan kana mara hedu isa sodaadha.

Waaqi na sodaachise;

ka waan mara dande'u na bararasse.

Te'uu malee ani dukkanaan,

dukkana dimma fuula kiyya gollite saniin hin cadhinne.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.