Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

3 Ergaa Yohaannisii 1

Ana jaarsa biraa:

Jaala kiyya ka ani dhugumaan jaaladhuuf:

Jaala kiyya! Akkuma lubbuun teeti tolte, akka fayyaa teetuu fi wonni maraa si'iif tolu hin daadimadha. Obboleeyyan gariin dhufanee dhuga'aaf addatamu'uu fi dhuga'aan jiraachuu keeti yennaa natti himane ani guddoo gammade. Ijoolleen tiyya dhuga'aan jiraachuu isi'ii dhage'iisaan irra wonni na gammachiisu hin jiru.

Gaayos Galateeffame

Jaala kiyya! Obboleeyyan si'iif keessummaa haareya te'anulle, ati isaan addatamaan hin qarqaarta. Isaanille marroo jaalala keetii wolde'a kiristaanaatitti himaneeran; karaa Waaqa gammachiisuun deemsa isaaniitiifille isaan qarqaartee yoo geegessite waan dansa'a. Isaan Kiristoos tajaajiliisaaf yennaa bayane, worra dhugeeffattoota hin te'in irraa womaa hin fudhanne. Nuuti hujii dhuga'aa tana worra qoodamu akka teenuuf namoota akkasii kana qarqaaruu qanna.

Diyotreefesii Fi Demeexroos

Ani wolde'a kiristaanaatiif xalayaa barreesseera; Diyotreefesiin sooressa te'iisaaf barbaadu ammoo yaada kiyya hin fudhanne. Maarre ani yoo dhufe, dharaan nu hamataa hantuu inni hujaa ture maraa dubbadha; tunille isa gewuu dhaddee obboleeyyan fudhata dida. Worri dhibiille akka isaan hin fudhanne dhooggee, wolde'a kiristaanaa keessaa isaan baasa. Jaala kiyya! Waan dansaa fakkaadhu malee waan hamaa hin fakkaatin. Nami waan dansaa huju ka Waaqaa ti; nami waan hamaa huju Waaqa hin dhaggine. Nami maraa dansaa Demeexroosii dubbata; dhugaalle dansaa isaa dubbatti. Nuutille dansaa isaa hin dubbanna; dhugaa bayiisi keenna dhugaa akka teete ati hin beetta.

Nageya Dhaamiisa

Waan si'iif barreessu waan hedduu qaba; ammoo feeni'ii fi hallu'uun si'iif barreessiisaaf hin barbaadu. Dhiko'ottuu akka si dhaggu hin addadha; yennaa san ilaan wol dhagginee hin haasonna.

Nageenni si'iif te'u.

Jaaloti teeti nageya si'iif dhaaman. Jaalota teennatti tokkuma tokkoon nageya nu'uuf himi.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.