Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

2 Ergaa Yohaannisii 1

Ana jaarsa biraa, giittittii filatantee fi ijoollee isi'iitiif:

Ani dhugumaan isin jaaladha, na calla'aa moti, ammoo worri dhugaa beeku duudiinuu isin jaalata. Sababille dhugaan nu keessa jirtu tun haga bara baraa nu woliin hin jiraatti. Badhaadhi, arjumma'aa fi nageenni, Waaqa Abba'aa fi Yesuus Kiristoosii Ilma Abba'aa biraa, dhuga'aa fi jaalalaan nu woliin jiraatuu ti.

Dhuga'aa Fi Jaalala

Akkuma Abbaan nu ajajetti, ijoollee teeti keessaa gariin dhuga'aan jiraatanuun dhaggiis guddoo na gammachiiseera. Ammalle giitti'i! Akka wol jaalannuuf, ajaja jalqabaa jalqannee qannu san si yaadachiisiisaaf malee, ajaja haareya si'iif barreessiisaaf moti. Jaalala jechuun ajaja Waaqaatiif ajajamiisaan le'iisa. Akkuma isin martinuu jalqabaa jalqaddanee dhageettane, ajaji isaa akka jaalalaan leetanu. Akka Yesuus Kiristoos fooniin1 gara biyya lafaa dhufe worri dhugaa hin baanne, worri nama dokonkorsanu hedduun gara biyya lafaa bayaneeran. Eennulle nami akkasii nama nama dokonkorsuu fi nama Kiristoos mormu. Gatii guutuu akka dhaggattanu malee, gatii waan hujjanee akka hin dhanne ifi eeggadha'a! Nami barsiisa Yesuusiitiin hin jiraannee fi irraa goree deemu mara Waaqa hin qabu; nami barsiisa Kiristoosii qabatee ittiin jiraatu mara ammoo Abba'aa fi Ilma qaba. Barsiisa kana adoo hin qabatin eennulle gara keessan yoo dhufe, mana keessanitti isa hin fudhatina'a! Nageyalle hin fuudhina'a! Nami nageya isa fuudhu, hujii isaa hantuu san qoodama.

Nageya Dhaamiisa

Waan isiniif barreessu waan hedduu qaba; te'uu malee woraqataa fi hallu'uun isiniif barreessiisaaf hin barbaadu; ammoo gammadi keenna guutuu akka te'uuf, gara keessan dhufee ilaan wol dhagginee, isin woliin haasowiisaaf addii qaba.

Ijoolleen obboleettii teeti filatantu'uu nageya si'iif dhaanti.

Source notes (1)
  1. Footnote Fooniin: Nafa namumma'aatiin

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.