Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 9

Murtii Waaqayyoo

Dura buʼaa faarfattootaatiif; Yeedaloo, “Duʼa ilmaa” jedhamu. Faarfannaa Daawit.

Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;

waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa.

Ani sittin gammada; nan ililchas;

yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha.

Diinonni koo dugda duubatti ni deebiʼu;

ni gufatu; fuula kee duraas ni badu.

Mirga koo fi dhimma koo qabatteerta;

atis murtii qajeelaa kennaa teessoo kee irra teesseerta.

Saboota ifattee hamootas balleessiteerta;

maqaa isaaniis baraa hamma bara baraatti haqxeerta.

Diinonni badiisa bara baraatiin balleeffamu;

ati magaalaawwan isaanii bubuqqifteerta;

seenaan isaaniis barbadeeffameera.

Waaqayyo garuu bara baraan ni moʼa;

teessoo isaas murtiidhaaf dhaabbateera.

Inni qajeelummaadhaan addunyaadhaaf murtii ni kenna;

sabootas murtii qajeelaadhaan bulcha.

Waaqayyo warra cunqurfamaniif irkoo dha;

yeroo rakkinaattis daʼoo dha.

Warri maqaa kee beekan si amanatu;

yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.

Waaqayyo isa Xiyoon irra jiraatu faarfannaadhaan jajadhaa;

hojii isaa illee saboota keessatti labsaa.

Inni haaloo dhiigaa baasu sunis isaan yaadataatii;

iyya warra dhiphataniis hin irraanfatu.

Yaa Waaqayyo, hammam akka diinonni koo na ariʼatan ilaali!

Naaf araaramiitii afaan boolla duʼaa keessaa na baasi;

kunis ani karra Intala Xiyoon irratti

akka galata kee labsuu fi fayyisuu keettis

baayʼisee gammaduuf.

Saboonni boolla qotan keessa buʼan;

miilli isaaniis kiyyoodhuma isaan dhoksaniin qabame.

Waaqayyo murtii qajeelaa kennuudhaan beekama;

hamoonni garuu hojii harka isaaniitiin kiyyoo seenu.

Namoonni hamoon,

warri Waaqa irraanfatan hundinuus siiʼoolitti gad buʼu.

Rakkattoonni garuu yoom iyyuu hin irraanfataman;

abdiin hiyyeeyyiis bara baraan hin badu.

Yaa Waaqayyo kaʼi; jabinni namaa hin mulʼatin;

fuula kee duratti sabootatti haa muramu.

Yaa Waaqayyo, sodaa isaanitti buusi;

saboonnis akka namuma taʼan haa beekan.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.