Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 8
Ulfina Waaqayyoo
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan Gitiitiidhaan faarfatamu.
Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya,
maqaan kee lafa hundatti akkam ulfina qabeessa!
Ati ulfina kee
samiiwwan irratti diriirsiteerta.
Sababii diinota keetiitiif, amajaajii fi nama haaloo baafatu
afaan qabachiisuuf jettee, afaan daaʼimmaniitii fi
mucoolii harma hodhanii irraa galata qopheessiteerta.
Yommuu ani hojii quba keetii,
samiiwwan kee,
jiʼaa fi urjiiwwan ati hundeessitee ilaalutti,
akka ati isaaf yaadduuf namni maali?
Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?
Ati xinnoo ishee ofii keetii gad isa goote;
ulfinaa fi kabajaan isa gonfite.
Hojii harka keetii irratti bulchaa isa goote;
waan hundas miilla isaa jala galchite;
bushaayee fi loon hunda,
bineensota bosonaas,
simbirroota samii irraa, qurxummii galaanaa,
waan daandii galaanaatiin darbu
hundas miilla isaa jala galchite.
Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya,
maqaan kee lafa hundumaa irratti akkam ulfina qabeessa!
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.