Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 77

Seenaa Israaʼel Yaaduu

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Asaaf.

Ani gargaarsaaf gara Waaqaatti nan iyyadhe;

ani akka Waaqni na dhagaʼuuf nan iyyadhe.

Yeroo rakkina kootiitti Gooftaa nan barbaaddadhe;

halkanis utuu hin dadhabin harka koo nan diriirfadhe;

lubbuun koos jajjabaachuu didde.

Yaa Waaqi, ani yommuun si yaadadhu nan aada;

ani irra deddeebiʼee nan yaade; hafuurri koos ni laafe.

Ati akka iji koo hin dunuunfanne goote;

ani akka malee lubbamee dubbachuu iyyuu dadhabe.

Ani waaʼee bara durii,

waaʼee waggoota durii duriis nan yaade;

ani halkaniin faarfannaa koo nan yaadadhe.

Ani irra deddeebiʼee na yaade; // hafuurri koos akkana jedhee qorate:

“Gooftaan bara baraan nama gataa?

Inni deebiʼee garaa hin laafuu?

Araarri isaa bara baraan badee?

Waadaan isaa bara baraan guutamuu dhabee?

Waaqni arjoomuu irraanfateeraa?

Inni aariidhaan gara laafina isaa dhiiseeraa?”

Anis, “Harki mirgaa kan Waaqa Waan Hundaa Olii

jijjiirameera jedhee yaaduun koo, dadhabbii koo ti” nan jedhe.

Ani hojii Waaqayyoo nan yaadadha;

dhugumaan dinqii kee kan durii nan yaadadhaa.

Ani waan ati hojjette hunda irra deddeebiʼee nan yaada;

waaʼee hojii keetii illee nan dubbadha.

Yaa Waaqi, karaan kee qulqulluu dha.

Waaqni guddaan akka Waaqa keenyaa eessa jira?

Ati Waaqa hojii dinqii hojjettuu dha;

saboota gidduuttis humna kee ni argisiifta.

Irree kee cimaadhaan saba kee,

sanyii Yaaqoobii fi sanyii Yoosef furteerta.

Yaa Waaqi, bishaanonni si argan;

bishaanonni si arganii sodaatan;

tuujubawwan ni hollatan.

Duumessi bishaan gad dhangalaase;

samiiwwan ni qaqawweessaʼan;

xiyyi kees qixa hundaan balaqqise.

Bakakkaan kee bubbee hamaa keessaa dhagaʼame;

balaqqeesi kee addunyaa ibse;

laftis hollattee sochoote.

Daandiin kee galaana keessa,

karaan kee immoo bishaanota gurguddaa keessa baʼa;

garuu faanni kee hin argamne.

Ati harka Museetii fi harka Arooniin,

saba kee akka bushaayeetti geggeessite.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.