Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 76
Faarfannaa Waaqa Sodaatamuu Qabuuf Faarfatame
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa Ribuutiin. Faarfannaa Asaaf.
Yihuudaa keessatti Waaqni beekamaa dha;
maqaan isaas Israaʼel keessatti guddaa dha.
Dunkaanni isaa Saalem keessa,
iddoon jireenya isaa Xiyoon keessa jira.
Innis achitti xiyya bobaʼuu fi gaachana, goraadee fi
meeshaawwan waraanaa caccabse.
Ati ifa uffattee miidhagdeerta;
ati tulluuwwan bara baraa caalaa Surra qabeessa.
Gootonni boojiʼamaniiru;
hirribaanis fudhatamaniiru;
duultota keessaas namni tokko iyyuu
harka sochoofachuu hin dandeenye.
Yaa Waaqa Yaaqoob, ifannaa keetiin fardeenii
fi warri fardeen yaabbatan of wallaalaniiru.
Siʼi qofatu sodaatamuu qaba.
Yommuu ati aartu eenyutu fuula kee dura dhaabachuu dandaʼaa?
Ati samii irraa murtii kennite;
laftis ni sodaatte; ni calʼiftes;
yaa Waaqi, wanni kunis yommuu ati murtii kennuudhaaf,
rakkattoota biyyattii fayyisuuf kaatetti taʼe.
Dheekkamsi ati namatti dheekkamtu dhugumaan ulfina siif fida;
warra dheekkamsa kee irraa hafanis ni hidhatta.
Waaqayyo Waaqa keessaniif wareegaa; wareegichas guuttadhaa;
warri naannoo isaa jiraatan hundinuus
Waaqa sodaatamuu qabu sanaaf kennaawwan haa fidan.
Inni hafuura bulchitootaa ni cabsa;
mootonni lafaas isa sodaatu.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.