Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 66
Waaqa Galateeffachuu
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa.
Isin lafti hundinuu ililleedhaan gara Waaqaatti iyyaa!
Ulfina maqaa isaa faarfadhaa;
galata isaatiifis ulfina kennaa!
Waaqaan akkana jedhaa;
“Hojiin kee akkam sodaachisaa dha!
Sababii humni kee guddaa taʼeef,
diinonni kee fuula kee duratti hollatu.
Lafti hundinuu siif sagadu;
faarfannaa galataa siif faarfatu;
maqaa keetiifis faarfatu.”
Kottaatii waan Waaqni hojjete,
hojii sodaachiisaa inni namaaf hojjete ilaalaa!
Inni galaana lafa gogaatti geeddare;
isaanis miilla isaaniitiin laga ceʼan;
kottaa isatti haa gammannu!
Inni bara baraan humna isaatiin bulcha;
iji isaas saboota ilaala;
finciltoonni ol ol of hin qabin.
Yaa saboota, Waaqa keenya eebbisaa;
sagaleen isa galateeffatus haa dhagaʼamu;
inni lubbuu keenya jiraachiseera;
miilla keenyas mucucaachuu oolcheera.
Yaa Waaqayyo, ati nu qorteertaatii;
akkuma meetiis nu qulqulleessiteerta.
Ati kiyyootti nu galchiteerta;
dugda keenya irras baʼaa keesseerta.
Akka namoonni mataa keenya yaabbatan gooteerta;
nu ibiddaa fi bishaan keessa dabarre;
ati garuu iddoo badhaadhummaatti nu fidde.
Anis qalma gubamu qabadhee // mana qulqullummaa kee nan seena;
wareega koos siif nan galcha;
kunis wareega yeroo ani rakkina keessa turetti
arrabni koo waadaa galee afaan koos dubbatee dha.
Anis horii coccoomoo, qalma gubamu,
korbeeyyii hoolaa immoo aarsaa godhee siif nan dhiʼeessa;
jibootaa fi reʼoota illee aarsaa siifin dhiʼeessa.
Isin warri Waaqa sodaattan hundi kottaa dhaggeeffadhaa;
anis waan inni naaf godhe isinitti nan hima.
Ani afaan kootiin isatti nan iyye;
galanni isaas arraba koo irra ture.
Utuu ani garaa koo keessa cubbuu kaaʼadhee jiraadhee,
silaa Gooftaan naaf hin dhagaʼu ture;
Waaqni garuu dhugumaan na dhaggeeffateera;
sagalee kadhannaa kootiis dhagaʼeera.
Waaqni kadhannaa koo hin didin
yookaan jaalala isaa na hin dhowwatin haa eebbifamu!
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.