Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 65

Sababii Kennaa Isaatiif Waaqayyon Jajachuu

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

Yaa Waaqi, Xiyoon keessatti galatatu si eeggata;

wareegni keenyas siif galfama.

Yaa isa kadhannaa namaa dhageessu,

namni hundinuu gara kee ni dhufa.

Yeroo cubbuun na moʼattetti,

ati yakka keenya nuu dhiifteerta.

Warri ati filattee akka isaan qeʼee kee jiraataniif

ofitti dhiʼeessite eebbifamoo dha!

Nus waan gaarii mana keetiitiin,

kan mana qulqullummaa keetiitiinis ni quufna.

Yaa Waaqi Fayyisaa keenya,

ati hojii qajeelummaa sodaachisaadhaan // deebii nuu kennita;

daarii lafaa hundumaaf,

galaana fagootti argamuufis ati abdii dha;

ati humna uffatteerta;

jabina keetiinis tulluuwwan hundeessite;

ati huursaa galaanaa,

huursaa dhaʼaa bishaanii,

raafama uummataas ni calʼisiifte.

Warri fagoo jiraatan dinqiiwwan kee ni sodaatu;

ati yeroo bariʼuu fi yeroo dhiʼutti,

akka faarfannaan gammachuu faarfatamu ni goota.

Ati lafa ni eegda; bishaanis ni obaafta;

akka malees ni gabbifta;

akka namootaaf midhaan kennaniifis

lageen Waaqaa bishaaniin guutamaniiru;

ati kanumaaf qopheessiteertaatii.

Boʼoo isaa bishaan quubsita;

biyyoo isaas wal qixxeessita;

tiifuu bokkaatiinis ni jiifta;

biqila isaas ni eebbifta.

Gaarummaa keetiin bara ni gonfita;

daandiiwwan kees cooma coccobsu.

Lafti margaa kan gammoojjii akka malee misa;

gaarranis gammachuudhaan guutamu.

Dirreewwan bushaayeedhaan guutamu;

sululoonni midhaaniin haguugamu;

isaanis ililleedhaan iyyanii faarfatu.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.