Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 63

Waaqa Barbaacha

Faarfannaa Daawit. Yeroo inni Gammoojjii Yihuudaa keessa turetti.

Yaa Waaqi, ati Waaqa koo ti;

ani dhugumaan sin barbaadadha;

lafa gogaa fi gammoojjii,

lafa bishaan hin jirretti,

lubbuun koo si dheebotti;

foon koos sitti gaggaba.

Kanaafuu ani iddoo qulqulluu keessattin si arge;

humna keetii fi ulfina kees nan ilaale.

Waan jaalalli kee jireenya caaluuf,

hidhiin koo si jajatti.

Ani hamman jirutti sin eebbisa;

maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha.

Lubbuun koo akka nama dhukaa fi cooma quufeetti quufti;

afaan koos hidhii ililleetiin si jajata.

Ani siree koo irratti sin yaadadha;

halkan guutuus waaʼee kee nan yaada.

Waan ati gargaarsa koo taateef,

ani gaaddisa qoochoo keetii jalatti gammachuudhaan nan faarfadha.

Lubbuun koo sitti maxxanti;

harki kee mirgaa ol na qaba.

Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan garuu

boolla lafaa isa gad fagoo keessa buʼu.

Isaan dabarfamanii goraadeetti kennamu;

nyaata waangoos ni taʼu.

Mootiin garuu Waaqaatti ni gammada;

namni Waaqaan kakatu hundinuu ulfina argata;

afaan warra soba dubbatuu immoo ni cufama.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.