Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 62
Waaqa Qofa Abdachuu
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit.
Lubbuun koo Waaqa qofa eeggatti;
fayyinni koos isa biraa naa dhufa.
Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa;
inni daʼoo koo ti; ani gonkumaa hin raafamu.
Isin hamma yoomiitti nama miitu?
Hamma yoomiitti akka keenyan manaa kan duufeetti,
akka dallaa raafameettis lafaan isa dhaʼuu barbaaddu?
Isaan aangoo isaa guddaa sana irraa,
guutummaatti gad isa deebisuu barbaadu;
isaan sobatti ni gammadu.
Afaan isaaniitiin ni eebbisu;
garaa isaaniitiin garuu ni abaaru.
Lubbuun koo Waaqa qofa obsaan eeggatti;
abdiin koo isa biraa dhufaatii.
Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa;
inni daʼoo koo ti; ani hin raafamu.
Fayyinni kootii fi ulfinni koo harka Waaqaa keessa jira;
kattaan koo jabaan, iddoon ani itti kooluu galu Waaqa.
Yaa namoota, yeroo hunda isa amanadhaa;
garaa keessanis fuula isaa duratti dhangalaasaa;
Waaqni iddoo nu itti kooluu galluudhaatii.
Gosa tuffatamaa irraa dhalachuun homaa miti;
gosa kabajamaa irraa dhalachuunis sobuma;
yoo madaaliidhaan madaalaman
lachanuu qilleensa caalaa salphatu.
Waan saamichaan argattan hin amanatinaa;
waan hatameenis hin koorinaa.
Yoo qabeenyi keessan guddate illee,
qalbii keessan isa irra hin kaaʼatinaa.
Waaqni yeroo tokko dubbate;
ani immoo yeroo lama nan dhagaʼe;
kunis akka humni kan Waaqaa taʼee dha.
Yaa Gooftaa araarri kan kee ti.
Ati dhugumaan tokkoo tokkoo namaa
akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kennitaaf.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.