Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 55

Kadhannaa Yeroo Ariʼatamaa

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawit.

Yaa Waaqi, kadhannaa koo dhagaʼi;

waammata koo jalaas hin didin.

Na dhagaʼiitii deebii naa kenni;

komiin koo na dhiphisa; anis nagaa dhabeera.

Sagalee diinaatiin,

cunqursa namoota hamoos dhufe;

isaan dhiphina natti fiduutii;

aariidhaanis na jibbu.

Lapheen koo na keessatti dhiphatte;

sodaan duʼaas na qabate.

Sodaa fi hollannaan natti dhufeera;

naasuunis na fudhateera.

Anis akkana nan jedhe; // “Utuu ani akkuma gugee qoochoo qabaadhee!

Silaa asii barrisee nan boqodhan ture.

Silaa fagootti baqadhee

gammoojjii keessa nan bubbula ture;

silaa bubbee hamaa fi qilleensa jabaa irraa fagaadhee

gara iddoo boqonnaa kootti nan ariifadhan ture.”

Yaa Gooftaa, namoota hamoo burjaajessi;

dubbii isaaniis waliin dhaʼi;

ani magaalaa keessatti goolii fi lola argeeraatii.

Isaan halkanii guyyaa ol baʼanii dallaa ishee irra naannaʼu;

jalʼinnii fi rakkinni ishee keessa jira.

Ishee keessa badiisatu jira;

nama cunqursuu fi gowwoomsuun daandii ishee irraa hin dhabamu.

Utuu diinni na arrabsee,

silaa obsuu nan dandaʼa ture;

utuu amajaajiin natti kaʼee,

silaa jalaa dhokachuu nan dandaʼa ture.

Garuu siʼi namuma akka kootii,

hiriyaa koo, michuu koo kan natti dhiʼaatutu waan kana godhe.

Tokkummaadhaan mana Waaqaa walii wajjin deemne;

haasaa miʼaawaas walii wajjin haasofne.

Duuti tasa isaanitti haa dhufu;

utuma lubbuudhaan jiranuu siiʼool keessa haa buʼan;

hamminni mana isaaniitii fi garaa isaanii keessa jiraattii.

Ani garuu Waaqa nan waammadha;

Waaqayyos jalaa na baasa.

Ani galgala, ganamaa fi waareetti dhiphinaan nan iyya;

innis sagalee koo ni dhagaʼa.

Yoo namni baayʼeen anaan morme illee,

inni waraana natti kaʼe jalaa miidhaa malee na baasa.

Waaqni inni durumaa jalqabee teessoo irra jiru sun,

Namoota karaa isaanii hin geeddaranne,

kanneen Waaqa hin sodaanne ni dhagaʼa;

isaan qaanessas.

Hiriyaan koo michoota isaatti harka isaa ol fudhate;

kakuu isaa illee ni cabse.

Dubbiin isaa akkuma dhadhaa ti; nama hin quuqu;

garaa isaa keessa garuu lolatu jira;

dubbiin isaa zayitii caalaa lallaafa;

garuu goraadee luqqifamee dha.

Yaaddoo kee Waaqayyotti kennadhu;

inni si jiraachisa;

namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.

Yaa Waaqayyo, ati garuu

namoota hamoo boolla badiisaa keessa ni buufta;

warri dhiiga dhangalaasanii fi gowwoomsitoonni,

walakkaa bara jireenya isaanii iyyuu hin jiraatan.

Ani garuu sin amanadha.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.