Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 49

Qabeenya abdachuun faayidaa hin qabu

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.

Yaa namoota, isin hundi waan kana dhagaʼaa;

warri addunyaa kana irra jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa;

xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi walumaan

dhaggeeffadhaa; kunis:

Afaan koo dubbii ogummaa dubbata;

wanti ani garaatti yaadus hubannaa kenna.

Gurra koo gara mammaaksaatti nan qabadha;

hibboo koos baganaadhaan nan ibsadha.

Bara rakkinaa, yeroo gowwoomsitoonni hamoon

na marsanitti, ani maaliifan sodaadha?

Isaan qabeenya isaanii amanatu;

guddina sooruma isaaniitiinis boonu.

Namni lubbuu nama gara biraa furu,

yookaan gatii furii nama sanaa Waaqaaf baasu tokko iyyuu hin jiru;

furiin lubbuu namaa gatii guddaa qabaatii;

gatiin quufsaanis yoom iyyuu hin argamu;

silaa inni bara baraan ni jiraata;

hin tortorus ture.

Akka ogeeyyiin duʼan namni hundinuu ni arga;

gowwoonnii fi raatuwwanis akkasuma ni badu;

qabeenya isaaniis warra kaaniif dhiisu.

Isaan yoo lafa maqaa isaaniitiin waamamtu qabaatan illee,

awwaalli isaanii bara baraan mana isaanii,

dhalootaa hamma dhalootaattis iddoo boqonnaa isaanii taʼee hafa.

Namni garuu qabeenya qabaatu illee bara dheeraa hin jiraatu;

inni akkuma bineensa duʼee baduu ti.

Wanni namoota ofitti amanatanii fi

warra isaan duukaa buʼanii dubbii isaanii hoʼisan eeggatu kanuma.

Isaan akkuma hoolaa duʼaaf ramadamaniiru;

duuti tiksee isaanii ti;

toloonni ganamaan isaan irratti aangoo qabaatu;

dhagni isaanii mana isaanii irraa fagaatee awwaala keessatti ni tortora;

awwaallis mana jireenya isaanii ti.

Waaqni garuu lubbuu koo humna siiʼool jalaa baasa;

inni dhugumaan ofitti na fudhata.

Yommuu namni tokko sooromu,

yommuu ulfinni mana isaas guddatu hin sodaatin.

Inni yommuu duʼutti waanuma tokko illee fudhatee hin deemuutii;

ulfinni isaas isa wajjin hin dhaqu.

Inni bara jireenya isaa lubbuu isaa eebbisu iyyuu,

yoo namoonni yeroo ati waan gaarii ofii keetii godhattutti si jajan illee,

inni gara dhaloota abbootii isaa,

gara warra gonkumaa deebiʼanii ifa jireenyaa hin arginee ni dhaqa.

Namni badhaadhaan hubannaa hin qabne,

akkuma bineensaa duʼee bada.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.