Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 48

Xiyoon Tulluu Waaqayyoo

Weedduu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.

Magaalaa Waaqa keenyaa keessatti,

tulluu isaa qulqulluu irrattis, Waaqayyo guddaa dha;

waan hundaa olittis galanni isaaf mala.

Tulluun Xiyoon gara kaabaatti argama;

dheerina isaatiinis ni bareeda.

Innis gammachuu addunyaa hundaa ti;

magaalaa Mooticha Guddaatis.

Waaqni daʼannoo ishee keessa jira;

inni daʼannoo ishee taʼuu isaa argisiiseera.

Mootonni humna walitti daratanii

tokkummaadhaan itti qajeelan.

Isaanis ishee arganii dinqifatan;

sodaataniis baqatan.

Achittis akkuma muddama dubartii ciniinsifattuutti,

hollannaan isaan qabate.

Atis bubbee baʼa biiftuutiin

dooniiwwan Tarshiish caccabsite.

Akkuma dhageenye sana,

magaalaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu keessatti,

magaalaa Waaqa keenyaa keessatti, akkasuma argineerra;

Waaqni bara baraan jabeessee ishee dhaaba.

Yaa Waaqayyo, nu mana qulqullummaa kee keessatti,

jaalala kee kan hin geeddaramne sana irra deddeebinee yaadna.

Yaa Waaqayyo, galanni kee akkuma maqaa keetii

handaara lafaa gaʼa;

harki kee mirgaas qajeelummaan guutameera.

Sababii murtii keetiitiif,

Tulluun Xiyoon haa gammaddu;

intallan Yihuudaas haa ililchan.

Xiyoon irra naannaʼaa; naannoo ishee irras adeemaa;

gamoowwan ishees lakkaaʼaa.

Dhaloota itti aanutti akka himtaniif,

dallaa eegumsa ishee sirriitti hubadhaa;

galma ishees ilaalaa.

Waaqni kun bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaatii;

inni hamma dhumaatti illee nu qajeelcha.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.