Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 39

Fuula Waaqaa Duratti Namni Xinnaa Dha

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit.

Ani akkana nan jedhe; “Ani karaa koo nan eeggadha;

arraba koos cubbuu irraa nan ittisa;

hamma namni hamaan na bira jiruttis,

afaan kootti luugama nan kaaʼadha.”

Ani calʼisee akkuma duudaa nan taʼe;

waan gaarii dubbachuu irraas of nan qusadhe;

dhiphinni koo garuu ittuma caale;

onneen koo na keessatti bulluqaa deeme;

yeroo ani irra deddeebiʼee yaadettis ibiddi sun ni bobaʼe;

anis arraba kootiin akkana jedheen dubbadhe:

Yaa Waaqayyo, ati dhuma jireenya kootii na argisiisi;

dheerina umurii kootiis na barsiisi;

jireenyi koo akkam dafee akka darbus na beeksisi.

Kunoo, ati bara koo taakkuu tokkittii gooteerta;

umuriin koos fuula kee duratti homaattuu hin hedamu;

jireenyi nama hundumaas akkuma qilleensa shuf jedhee darbuu ti.

Dhuguma iyyuu namni akkuma gaaddidduu deddeebiʼa;

dhugumaan inni akkasumaan goolama;

namni qabeenya ni kuusa; garuu eenyuuf akka walitti qabu hin beeku.

“Egaa amma yaa Gooftaa, ani maalin eeggadha?

Abdiin koo suma irra jira.

Dogoggora koo hunda irraa na oolchi;

nama gowwoonni itti kolfan na hin godhin.

Ani duudaa dha; afaan koos hin saaqqadhu;

kan waan kana godhe sumaatii.

Ani rukuttaa harka keetiitiin dhumeeraatii;

dhaʼicha kee narraa fuudhi.

Ati sababii cubbuu isaaniitiif namoota ifatta; ni adabdas;

akkuma biliis qabeenya isaanii ni balleessita;

dhugumaan namni hundinuu qilleensuma shuf jedhee darbuu dha.

“Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi;

iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyus dhaggeeffadhu;

booʼicha koos calʼistee hin ilaalin.

Ani akka alagaatti si bira nan jiraadhaatii;

akkuma abbootii koo hundumaattis ani nama biyya ormaa ti.

Utuun godaanee lafa irraa hin dhabamin dura

akkan deebiʼee gammaduuf, ija kee narraa deebifadhu.”

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.