Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 38

Kadhannaa yeroo dhiphinaa

Faarfannaa Daawit. Yaadannoodhaaf.

Yaa Waaqayyo, aarii keetiin na hin ifatin

yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.

Xiyyooliin kee na waraananiiru;

harki kees akka malee natti ulfaateera.

Sababii dheekkamsa keetiitiif dhagni koo fayyaa dhabeera;

sababii cubbuu kootiifis lafeen koo nagaa dhabeera.

Cubbuun koo na liqimseeraatii;

akkuma baʼaa baatamuu hin dandaʼamne tokkoottis natti ulfaateera.

Sababii gowwummaa kootiitiif,

madaan koo malaa naqate; ni ajaaʼes.

Ani gad nan qabame; gadis nan cabe;

guyyaa guutuus gaddaan oola.

Dugdi koo na bobaʼa;

dhagni koos fayyaa hin qabu.

Ani laafeera; akka malees bututeera;

garaan koo dhiphatee ani aadaan jira.

Yaa Gooftaa, hawwiin koo hundinuu fuula kee duratti beekamaa dha;

argansuun koo si duraa hin dhokatu.

Lapheen koo ni dhaʼatti; jilbis na laafeera;

ifni ija kootiis badeera.

Michoonni koo fi miiltoon koo sababii madaa kootiitiif narraa hiiqan;

firoonni koos narraa fagaatanii dhadhaabatu.

Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan kiyyoo naa kaaʼaniiru;

warri na miidhuu barbaadanis waaʼee badiisa kootii dubbatu;

guyyaa guutuus hammina natti yaadu.

Ani garuu akkuma duudaa dhagaʼuu hin dandeenyee,

akkuma arrab-didaa dubbachuu hin dandeenyeetii.

Ani akka nama dhagaʼuu hin dandeenyee,

akkuma nama afaan isaa deebii kennuu hin dandeenyees taʼeera.

Yaa Waaqayyo, ani sin eeggadha;

yaa Waaqayyo Gooftaa ko, ati deebii naa kennita.

Ani, “Akka diinonni koo natti gammadan

yookaan akka isaan yeroo miilli koo mucucaatutti natti of jajan

hin eeyyamin” jedheeraatii.

Ani kufuu gaʼeeraatii;

dhukkubbiin koos takkumaa na hin dhiifne.

Ani balleessaa koo nan himadha;

sababii cubbuu kootiitiifis nan gadda.

Warri akkasumaan diinota koo taʼan jajjaboo dha;

warri sababii malee na jibbanis hedduu dha.

Warri qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisan diinota koo ti;

ani waan gaarii duukaa nan buʼaatii.

Yaa Waaqayyo, ati na hin gatin;

yaa Waaqa ko, narraa hin fagaatin.

Yaa Gooftaa, yaa fayyisaa ko,

na gargaaruudhaaf ariifadhu!

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.