Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 20
Kadhannaa Mootiif Kadhatame
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.
Guyyaa rakkinaatti Waaqayyo deebii siif haa kennu;
maqaan Waaqa Yaaqoobis si haa eegu.
Inni iddoo qulqulluudhaa gargaarsa siif haa ergu;
Xiyoon irraas jabina siif haa kennu.
Aarsaa kee hunda siif haa yaadatu;
qalma kee kan gubamus siif haa fudhatu.
Hawwii garaa keetii siif haa kennu;
karoora kee hundas fiixaan siif haa baasu.
Yommuu ati moʼattutti ililchinee
maqaa Waaqa keenyaatiin faajjii keenya ol fudhanna.
Waaqayyo waan ati kadhattu hundumaa siif haa kennu.
Ani akka Waaqayyo dibamaa isaa fayyisu amma beeka;
Waaqayyo humna nama fayyisu kan harka isaa mirgaa keessa jiru sanaan
samii isaa qulqulluu keessaa deebii ni kennaaf.
Namoonni tokko tokko gaariiwwan amanatu; kaan immoo fardeen amanatu;
nu garuu maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaa amananna.
Isaan gufatanii kufu; nu garuu ol kaana;
jabaannees ni dhaabanna.
Yaa Waaqayyo, ati mootiidhaaf moʼannaa kenni!
Yommuu nu si waammannuttis deebii nuu kenni!
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.