Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 19

Waaqayyo Biiftuu Qajeelummaati

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

Samiiwwan ulfina Waaqaa odeessu;

bantiin samiis hojii harka isaa labsa.

Guyyaan tokko guyyaa kaanitti odeessa,

halkan tokkos halkan kaanitti beekumsa mulʼisa.

Haasaan yookaan dubbiin hin jiru;

sagaleen isaaniis hin dhagaʼamu.

Taʼus sagaleen isaanii lafa hundumaa,

dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe.

Inni samiiwwan keessatti biiftuudhaaf dunkaana dhaabe;

biiftuunis akkuma misirricha dinqa isaatii baʼuutii fi

akkuma moʼataa fiigicha dorgomutti gammadu tokkoo ti.

Isheenis handaara samiiwwanii tokkoo baatee

gara handaara kaaniitti naannofti;

wanni hoʼa ishee jalaa dhokatu tokko iyyuu hin jiru.

Seerri Waaqayyoo mudaa hin qabu;

lubbuu namatti deebisa.

Ajajni Waaqayyoo amanamaa dha;

nama wallaalaa beekaa godha.

Seerri Waaqayyoo qajeelaa dha;

garaadhaaf gammachuu kenna.

Ajajni Waaqayyoo qulqulluu dha;

ijaafis ifa kenna.

Waaqayyoon sodaachuun qulqulluu dha;

bara baraan jiraata.

Murtiin Waaqayyoo dhugaa dha;

walumaa galattis qajeelaa dha.

Inni warqee caalaa, warqee akka malee qulqulleeffame

caalaa iyyuu gatii qabeessa;

inni damma caalaa,

nadhii dammaa caalaa miʼaawaa dha.

Murtii kanaanis tajaajilaan kee ni gorfama;

isa eeguunis gatii guddaa qaba.

Eenyutu dogoggora isaa hubachuu dandaʼa?

Yakka koo isa dhokfamaa irraa na qulqulleessi.

Tajaajilaa kee cubbuu ija jabinaan hojjetamu irraa eegi;

cubbuun kunis na hin moʼatin.

Yoos ani hirʼina malee nan jiraadha;

dogoggora guddaa irraas qulqulluu nan taʼa.

Yaa Waaqayyo, Kattaa koo fi Furii ko,

dubbiin afaan kootii fi yaadni garaa koo

fuula kee duratti fudhatamaa haa taʼu.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.