Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 150

Faarfannaa Galataa

Haalleluuyaa.

Mana qulqullummaa isaa keessatti Waaqa galateeffadhaa;

samiiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa.

Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa;

guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa.

Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa;

baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa;

dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa;

miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa.

Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa;

kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa.

Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu.

Haalleluuyaa.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.