Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 141

Akka Qananii Jaldhootaatiin Hin fudhatamne Waaqa Kadhachuu

Faarfannaa Daawit.

Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha; dafii na qaqqabi.

Yommuu ani si waammadhus sagalee koo dhagaʼi.

Kadhannaan koo fuula kee duratti akka ixaanaatti anaaf haa fudhatamu;

harka koo ol qabachuun koos akka aarsaa galgalaa anaaf haa taʼu.

Yaa Waaqayyo, afaan kootiif eegduu naa dhaabi;

balbala afaan kootiis naa eegi.

Garaan koo namoota waan hamaa hojjetan wajjin,

hojii hamminaa keessatti hirmaachuuf,

gara jalʼina kamiitti iyyuu hin harkifamin;

akka ani nyaata isaanii miʼaawaa nyaadhus anaaf hin eeyyamin.

Namni qajeelaan na haa rukutu; kun gara laafinaatii;

inni ana haa ifatu; kunis zayitii mataa koo irraatti.

Mataan koo waan kana hin didu.

Taʼus kadhannaan koo yoom iyyuu hojii hamootaatiin mormuu dha.

Bulchitoonni isaanii ededa boollaa irraa gad ni darbatamu;

isaan dubbii koo ni dhagaʼu; dubbiin koo ni miʼaawaatii.

Isaanis, “Akkuma namni lafa qotu biyyoo bulleessu sana,

lafeen keenya afaan siiʼool irratti bittinneeffamee jira” jedhu.

Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani garuu ija koo sirraa hin buqqifadhu;

ani kooluu sitti galeera; dabarsitee duʼatti na hin kennin.

Kiyyoo isaan naaf kaaʼan irraa,

kiyyoo warri jalʼina hojjetan naaf qopheessan irraas na eegi.

Warri hamoon kiyyoo ofii isaaniitiin haa qabaman;

ani garuu nagumaan nan baʼa.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.