Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 140

Kadhannaa Hamoota Irratti Dhiʼaate

Dura Buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

Yaa Waaqayyo, namoota hamoo jalaa na baasi;

namoota finciltoota

warra garaa isaanii keessatti hammina yaadanii

guyyaa hunda waraana kaasan narraa eegi.

Isaan arraba isaanii akkuma bofaa qaratu;

hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira.

Yaa Waaqayyo, harka hamootaa narraa eegi;

namoota finciltoota // warra miilla koo kiyyootti galchuu yaadan jalaa na baasi.

Of tuultonni dhoksanii kiyyoo na dura kaaʼaniiru;

ribuu kiyyoo isaanii diriirsaniiru;

karaa koo irras kiyyoo isaanii kaaʼaniiru.

Yaa Waaqayyo, ani, “Ati Waaqa koo ti” siin nan jedha.

Yaa Waaqayyo, waammata koo dhagaʼi.

Yaa Waaqayyo Gooftaa, fayyisaa koo jabaa,

ati guyyaa waraanaatti gaachana mataa naa taate.

Yaa Waaqayyo, akka fedhiin hamootaa fiixaan baʼu hin godhin;

akka isaan of hin tuulleef, akka karoorri isaanii milkaaʼu hin godhin.

Mataan warra na marsanii,

hammina afaan isaaniitii baʼuun haa haguugamu.

Barbadaan ibiddaa isaan irra haa buʼu;

isaan ibiddatti illee haa darbataman;

akka lammata hin kaaneefis boolla qileetti haa darbataman.

Maqa balleessitoonni lafa irra hin jiraatin;

namni jalʼaan waan hamaadhaan haa badu.

Waaqayyo rakkattootaaf falmee

hiyyeeyyiif illee murtii qajeelaa akka kennu ani beeka.

Dhugumaan namni qajeelaan maqaa kee ni galateeffata;

namni tolaanis fuula kee dura ni jiraata.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.