Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 136
Faarfannaa Wal jalaa Qabanii Faarfatan
Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii.
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Waaqa waaqotaatiif galata galchaa.
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Gooftaa Gooftotaatiif galata galchaa:
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjeta;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni ogummaa isaatiin samiiwwan uume;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni bishaanota irratti lafa diriirse;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni ifa gurguddaa hojjete;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni akka biiftuun guyyaa mootu godhe;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni akka jiʼii fi urjiiwwan halkan moʼan godhe;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni hangafa Gibxi dhaʼe;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni isaan gidduudhaa Israaʼelin baase;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
harka jabaa fi irree diriiraadhaan Israaʼelin baase;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni Galaana Diimaa iddoo lamatti gargarii qoode;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni galaana gidduudhaan Israaʼelin dabarse;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Faraʼoonii fi loltoota isaa garuu Galaana Diimaatti naqe;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni saba ofii isaa gammoojjii keessa geggeesse;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni mootota gurguddaa dhaʼe;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni mootota jajjaboo fixe;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni Sihoon mootii Amoorotaa ajjeese;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni Oogi mootii Baashaan ajjeese;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni biyya isaanii dhaala godhee kenne;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
dhaala godhee garbicha isaa Israaʼeliif kenne;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Inni yeroo nu gad deebinetti nu yaadate;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni harka diinota keenyaatii nu baase,
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
inni uumama hundaaf soora kenna;
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Waaqa samiitiif galata galchaa.
Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.