Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 135

Faarfannaa Galataa

135:15‑20 kwf – Far 115:4‑11

Haalleluuyaa.

Maqaa Waaqayyoo jajadhaa;

isin garboonni Waaqayyoo isa galateeffadhaa.

Isin warri mana Waaqayyoo keessa,

oobdii mana Waaqa keenyaa keessa tajaajiltan, isa galateeffadhaa.

Waaqayyo gaariidhaatii, Waaqayyoon galateeffadhaa;

inni arjaadhaatii maqaa isaatiif faarfadhaa.

Waaqayyo Yaaqoobin ofii isaatiif,

Israaʼelin immoo dhaala dhuunfaa isaa godhee filateeraatii.

Ani akka Waaqayyo guddaa taʼe,

akka Gooftaan keenya waaqota hunda caalaa guddaa taʼe beeka.

Waaqayyo samiiwwan keessattii fi lafa irratti,

galaanotaa fi tuujuba isaanii hunda keessatti,

waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.

Inni akka duumessoonni daarii lafaatii kaʼan ni godha;

bokkaa wajjin balaqqee erga;

gombisaa isaa keessaas bubbee gad baasa.

Inni hangafoota Gibxi,

kan namaatii fi kan horii ni dhaʼe.

Yaa Gibxi, inni gidduu keetti,

Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa hundatti mallattoo fi dinqii isaa ergeera.

Inni saboota baayʼee dhaʼee

mootota jajjaboo ajjeese;

Sihoon mootii warra Amoorotaa,

Oogi mootii Baashaanii fi mootota Kanaʼaan hunda ni ajjeese;

lafa isaanii dhaala godhee

akka dhaala isaanii taʼuufis saba isaa Israaʼeliif kenne.

Yaa Waaqayyo, maqaan kee bara baraan jiraata;

yaa Waaqayyo, ati dhaloota hunda keessatti ni yaadatamta.

Waaqayyo saba isaatiif ni falma;

tajaajiltoota isaatiifis garaa laafa.

Waaqonni tolfamoon namoota ormaa meetii fi

warqee harka namaatiin hojjetamanii dha.

Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan;

ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;

gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan;

yookaan hafuurri tokko iyyuu afaan isaanii keessa hin jiru.

Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi

akkuma isaanii taʼu.

Yaa mana Israaʼel Waaqayyoon eebbisaa;

yaa mana Aroon Waaqayyoon eebbisaa;

yaa mana Lewwii Waaqayyoon eebbisaa;

isin warri isa sodaattanis, Waaqayyoon eebbisaa.

Waaqayyo inni Yerusaalem keessa jiraatu sun,

Xiyoon irraa haa eebbifamu.

Haalleluuyaa!

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.