Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 125
Waaqayyo Amanamtoota Isaa Ni eega
Faarfannaa ol baʼuu.
Warri Waaqayyoon amanatan akka Tulluu Xiyoon
kan hin raafamne, kan bara baraan jiraatu sanaa ti.
Akkuma tulluuwwan Yerusaalemin marsan sana,
Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti,
saba isaa ni marsa.
Akka qajeeltonni jalʼina hojjechuuf
harka isaanii ol hin diriirfanneef,
bokkuun hamootaa lafa qajeeltotaaf
ixaadhaan qoodame irra hin jiraatu.
Yaa Waaqayyo, warra gaariif,
warra garaa isaaniitiin toloota taʼaniifis waan gaarii godhi.
Warra karaa micciiramaatti garagalan garuu,
Waaqayyo akkuma warra hammina hojjetan balleessu jaras ni balleessa.
Nagaan Israaʼeliif haa taʼu.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.