Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 11

Waaqa Amanachuu

Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

Ani Waaqayyotti kooluu galeera.

Yoos isin akkamitti lubbuu kootiin akkana jechuu dandeessu:

“Ati akkuma simbirroo tulluu keetti barrisi.

Kunoo namoonni hamoon iddaa isaanii dabsataniiru;

isaan warra toloota taʼan,

dukkana keessa waraanuuf jedhanii,

xiyya isaanii ribuutti dhaabbataniiru.

Yoo hundeewwan diigaman, namni qajeelaan

maal gochuu dandaʼa?”

Waaqayyo mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira;

teessoon Waaqayyoo samii irra jira.

Inni ilmaan namootaa ni ilaala;

iji isaas namoota ni qora.

Waaqayyo qajeeltotaa fi jalʼoota ni qora;

lubbuun isaa garuu nama goolii jaallatu ni jibbiti.

Inni hamoota irratti, barbadaa ibiddaatii fi

dinyii bobaʼu ni roobsa;

qoodni isaaniis bubbee finiinaa dha.

Waaqayyo waan qajeelaa taʼeef,

murtii qajeelaa jaallata;

toloonnis fuula isaa ni argu.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.