Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Fakkeenya 24

Jecha digdammaffaa

Hamootatti hin hinaafin;

garee isaanii taʼuus hin hawwin;

garaan isaanii hammina malataatii;

hidhiin isaaniis rakkina odeessa.

Jecha digdamii tokkoffaa

Manni ogummaadhaan ijaarama;

hubannaadhaanis jabeeffamee dhaabama;

kutaawwan isaas, beekumsaan, qabeenya gatii guddaatii fi

miidhagaadhaan guutamu.

Jecha digdamii lammaffaa

Ogeessi humna guddaa qaba;

beekaan namaa immoo jabina itti dabalata;

waraana banuuf qajeelfama,

moʼannaa argachuudhaaf immoo gorsitoota hedduu si barbaachisa.

Jecha digdamii sadaffaa

Gowwaa irraa ogummaan akka malee ol fagoo dha;

inni karra duratti afaan isaa hin saaqqatu.

Jecha digdamii afraffaa

Namni hammina malu,

“Maltee” jedhama.

Malli gowwummaa cubbuu dha;

namoonnis qoostuu ni balfu.

Jecha digdamii shanaffaa

Ati yoo gaafa rakkinaa laafte,

jabinni kee dhugumaanuu xinnaa dha!

Warra gara duʼaatti geeffamaa jiran duʼa jalaa baasi;

warra ajjeefamuuf qopheeffamanis oolchi.

Yoo ati, “Nu waan kana homaa hin beekne” jette,

inni yaada namaa madaalu sun hin hubatuu?

Kan lubbuu kee eegu sun waan kana hin beekuu?

Inni nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii hin kennuu?

Jecha digdamii jaʼaffaa

Yaa ilma ko, dammi waan gaarii taʼeef nyaadhu;

nadhiin dammaa sitti ni miʼaawa.

Akka ogummaan lubbuu keetti miʼaawu illee beeki;

ati yoo isa argatte fuul duratti abdii qabda;

abdiin kees hin citu.

Jecha digdamii torbaffaa

Akka nama seeraan hin bulleetti mana nama qajeelaa // riphxee hin eeggatin;

mana jireenya isaas hin saamin.

Namni qajeelaan yeroo torba kufu iyyuu, deebiʼee ni kaʼaatii;

namni hamaan garuu yeroo balaan itti dhufutti ni gufata.

Jecha digdamii saddeettaffaa

Yeroo diinni kee kufutti hin ililchin;

yeroo inni gufatuttis garaan kee hin gammadin;

yoo kanaa achii Waaqayyo waan kanatti ni gaddaatii;

dheekkamsa isaas isa irraa deebisa.

Jecha digdamii saglaffaa

Ati sababii jalʼootaatiif aariidhaan hin gubatin;

hamootattis hin hinaafin.

Namni jalʼaan fuul duratti abdii hin qabuutii;

ibsaan hamootaas ni dhaama.

Jecha soddommaffaa

Yaa ilma ko, Waaqayyoo fi mootii sodaadhu;

finciltootattis hin makamin;

badiisni akkuma tasaa isaanitti dhufaatii;

balaa isaan lachuu fidan eenyutu beeka?

Jecha Ogeessaa Kan Itti Fufe

Kunneenis jechoota ogeessaa ti:

Murtii kennuu irratti nama wal caalchisuun gaarii miti:

Kan nama yakka qabuun, “Ati balleessaa hin qabdu”

jedhu kam iyyuu namni isa abaara; sabnis isa balaaleffata.

Warri nama yakka hojjetu ifatan garuu ni gammadu;

eebbi guddaanis ni dhufaaf.

Deebiin qajeelaan,

akkuma hidhii dhungachuu ti.

Hojii kee kan diidaa raawwadhuutii

lafa qotiisaa kees qopheeffadhu;

ergasii mana kee ijaarradhu.

Sababii tokko malee ollaa keetti dhugaa hin baʼin

yookaan hidhii keetiin hin gowwoomsin.

Ati, “Waanuma inni na godhe anis isa nan godha;

waan inni hojjeteefis gatii isaa nan deebisa” hin jedhin.

Ani lafa qotiisaa nama dhibaaʼaa keessa baʼee,

iddoo dhaabaa wayinii nama qalbii hin qabnee keessas darbe;

qoraattiin lafa hunda guuteera;

laftis aramaadhaan fudhatameera;

dallaan dhagaas diigameera.

Ani argeen waan sana qalbeeffadhe;

waanan arge sana irraas barumsa nan argadhe:

hirriba xinnaa; mugaatii xinnaa;

xinnoo harka walitti marachuu;

hiyyummaanis akkuma hattuutti,

deegummaanis akkuma loltuu hidhateetti sitti dhufa.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.