Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Fakkeenya 23

Jecha torbaffaa

Ati yeroo waa nyaachuuf bulchaa tokko wajjin teessutti,

waan fuula kee dura jiru hubadhuu ilaali;

ati yoo nyaataaf fedhii guddaa qabaatte,

qoonqoo kee irra billaa kaaʼi.

Waan nyaanni sun nama gowwoomsuuf,

miʼaa isaatti hin gaggabin.

Jecha saddeettaffaa

Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin;

of qabuufis ogummaa qabaadhu.

Sooromni yommuu ati ija irra buufattutti ni bada;

inni dhugumaan Baallee baafatee

akkuma risaa gara samiitti ol barrisaatii.

Jecha saglaffaa

Buddeena doqnaa hin nyaatin;

cidha isaas hin kajeelin;

inni yeroo hunda waaʼee gatii yaadaatii.

Inni, “Nyaadhuu dhugi” siin jedha;

garaan isaa garuu si wajjin hin jiru.

Ati waanuma xinnoo nyaatte sana ni diddigda;

dubbii kee gaarii sana illee ni dhabda.

Jecha kurnaffaa

Sababii inni ogummaa dubbii keetii tuffatuuf

ati nama gowwaatti hin dubbatin.

Jecha kudha tokkoffaa

Dhagaa daangaa durii hin dhiibin

yookaan lafa qotiisaa ijoollee abbaa hin qabneetti hin darbin.

Furiin isaanii jabaadhaatii;

inni gara isaanii goree sitti falma.

Jecha kudha lammaffaa

Qalbii kee gara gorsaatti, gurra kee immoo

gara dubbii beekumsaatti deebifadhu.

Jecha kudha sadaffaa

Ijoollee kee adabachuu hin dhiisin;

yoo ati arcummeedhaan adabde isaan hin duʼan.

Arcummeedhaan isaan adabiitii

lubbuu isaanii duʼa oolchi.

Jecha kudha afraffaa

Yaa ilma ko, yoo garaan kee ogeessa taʼe,

garaan koo ni gammada;

yoo arrabni kee waan qajeelaa dubbate,

keessi koo baayʼee gammada.

Jecha kudha shanaffaa

Garaan kee cubbamootatti hin hinaafin;

garuu yeroo hunda Waaqayyoon sodaadhu.

Ati dhugumaan gara fuulduraatti abdii qabda;

abdiin kees hin citu.

Jecha kudha jaʼaffaa

Yaa ilma ko, dhaggeeffadhu; ogeessa taʼi;

qalbii kee daandii qajeelaa irra buufadhu.

Warra daadhii wayinii baayʼee dhuganitti

yookaan warra foonitti gaggabanitti hin makamin;

machooftuu fi albaadheyyiin ni hiyyoomu;

hirriba baayʼisuunis moofaa nama uffachiisa.

Jecha kudha torbaffaa

Abbaa kee kan si dhalche dhagaʼi;

haadha kees yeroo isheen jaartu hin tuffatin.

Dhugaa bitadhu malee hin gurgurin;

ogummaa, qajeelfamaa fi hubannaas bitadhu.

Abbaan nama qajeelaa gammachuu guddaa qaba;

namni ilma ogeessa qabu isatti gammada.

Abbaan keetii fi haati kee haa gammadan;

isheen si deesse sun haa ililchitu!

Jecha kudha saddeettaffaa

Yaa ilma ko, garaa kee naa kenni;

iji kees karaa koo haa ilaalu;

sagaagaltuun boolla gad fagoodhaatii,

niitiin ganda labeenis boolla bishaanii dhiphaa dha.

Isheen akkuma saamtuutti riphxee nama eeggatti;

namoota gidduuttis warra hin amanamne baayʼifti.

Jecha kudha saglaffaa

Eenyutu, “Anaaf wayyoo!” jedha? Eenyutu gadda qaba?

Eenyutu lola qaba? Eenyutu komii qaba?

Eenyutu sababii malee madaaʼa? Kan iji isaa diimatu eenyu?

Warra daadhii wayinii dhuguu irra akka malee turan,

warra daadhii wayinii walmakaa afaaniin qabuu dhaqanii dha.

Yeroo inni diimatutti, yeroo inni billillee keessa ol xixinniqutti,

yeroo inni suuta jedhee gad buʼutti

daadhii wayinii ija itti qabdee hin ilaalin.

Dhuma irratti akkuma bofaa nama idda;

akkuma buutiis nama ciniina.

Iji kee waan haaraa arga;

qalbiin kees jalʼina yaada.

Ati akkuma nama walakkaa galaana guddaa ciisuu ti;

akkuma nama fiixee utubaa doonii irra ciisuu taata.

Ati akkana jetta; “Isaan na dhaʼan;

ani garuu hin miidhamne!

Isaan na tuman; garuu natti hin dhagaʼamne!

Ani dhugaatii biraa barbaaddachuuf yooman dammaqa?”

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.