Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Fakkeenya 17:17
Verse 17 is marked below, with the whole chapter around it. Read from the start
Mana nyaataa dhugaatiin guutame kan lola qabuu mannaa,
iddoo nagaan jirutti hurraaʼaa buddeena goggogaa wayya.
Garbichi hubataan ilma salphaa bulcha;
obboloota gidduuttis dhaala qooddata.
Okkoteen waa itti baqsan meetiif, boolli ibiddaa immoo warqeef;
Waaqayyo garuu garaa namaa qora.
Namni hamaan dubbii gowwoomsaa dhaggeeffata;
sobaanis arraba balaʼamaadhaaf gurra kenna.
Namni hiyyeeyyiitti qoosu kan isaan Uume sana tuffata;
kan badiisa namaatti gammadu utuu hin adabamin hin hafu.
Nama jaare tokkoof ilmaan ilmaan isaa gonfoo dha;
haadhaa fi abbaanis ijoollee isaaniitiif ulfina.
Dubbiin baʼeessi nama gowwaatti hin tolu;
hidhiin sobu immoo hammam bulchaa tokkotti haa hammaatu ree!
Mattaʼaan namicha kennuuf miʼa falfalaa ti;
inni lafa dhaqu kamitti iyyuu ni milkaaʼa.
Namni balleessaa namaaf dhiisu jaalala guddisa;
namni waan tokko irra deddeebiʼu, // garuu michoota walitti dhiʼaatan gargar baasa.
Hamma gowwaan yeroo dhibba garafamee itti dhagaʼamu caalaa
ifannaan nama waa hubatutti dhagaʼama.
Namni hamaan fincila qofa barbaada;
ergamaan namaa hin naane isatti ni ergama.
Gowwaa gowwummaa isa keessa jiruun
walitti dhufuu mannaa amaaketa dhaltuu ilmaan ishee // jalaa fudhatamaniin walitti dhufuu wayya.
Nama qooda gaarii hamaa deebisu,
hamminni mana isaa keessaa hin baʼu.
Lola jalqabuun akkuma bishaan cabsanii yaasuu ti;
kanaafuu utuu lolli hin hoʼin dubbii dhiisi.
Waaqayyo waan kana lachuu ni balfa;
kunis nama yakka qabu qulqulluu gochuu fi // nama balleessaa hin qabnetti muruu dha.
Sababii inni ogummaa argachuuf fedhii hin qabneef,
maallaqni harka gowwaa jiru faayidaa maalii qaba?
Michuun yeroo hunda nama jaallata;
obboleessi immoo guyyaa rakkootiif dhalata.
Namni qalbii hin qabne harka dhaʼee waa namaaf kakata;
fuula ollaa ofii isaa durattis wabii taʼa.
Namni lola jaallatu cubbuu jaallata;
namni karra ol dheeraa ijaarus badiisa waama.
Namni yaada hamaa qabu hin milkaaʼu;
kan arrabni isaa nama gowwoomsus rakkoo keessa seena.
Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida;
abbaan ilma gowwaas hin gammadu.
Garaan gammadu qoricha gaarii dha;
hafuurri cabe immoo lafee gogsa.
Namni hamaan karaa murtii qajeelaa jalʼisuuf jedhee
dhoksaadhaan mattaʼaa fudhata.
Namni hubataan fuula isaa gara ogummaatti deebifata;
iji gowwaa garuu hamma handaara lafaatti joora.
Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida;
haadha isa deessettis jireenya hadheessa.
Nama balleessaa hin qabne tokko adabuun gaarii miti;
qondaaltota amanamoo rukutuunis sirrii miti.
Namni beekaan of qusachaa dubbata;
namni hubataanis hafuura qabanaaʼaa qaba.
Gowwaan iyyuu yommuu calʼisu ogeessa fakkaata;
yommuu arraba isaa toʼatus hubataa fakkaata.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.