Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Yooʼeel 1

Dubbii Waaqayyoo kan gara Yooʼeel ilma Phetuuʼeel dhufe.

Weerara Hawwaannisaa

Yaa maanguddoota, waan kana dhagaʼaa;

warri biyyattii keessa jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa.

Wanni akkanaa takkumaa bara keessan keessa

yookaan bara abbootii keessanii keessa taʼee beekaa?

Isin waan kana ijoollee keessanitti himaa;

ijoolleen keessanis ijoollee ofii isaaniitti haa himan;

ijoolleen isaanii immoo dhaloota itti aanutti haa dabarsan.

Waan tuunni hawwaannisaa dhiise,

hawwaannisni guddaan fixe;

waan hawwaannisni guddaan dhiise,

hawwaannisni xixinnaan nyaatee fixe;

waan hawwaannisni xixinnaan dhiise immoo

hawwaannisni biraa dhufee nyaate.

Yaa machooftota, kaʼaatii booʼaa!

Isin warri daadhii wayinii dhugdan // hundinuu wawwaadhaa;

sababii daadhii wayinii haaraatiif // wawwaadhaa;

inni afaan keessan irraa butameeraatii.

Sabni jabaan akka malee baayʼeen tokko

biyya koo weerareera;

inni ilkaan leencaa,

qarriffaa leenca dhalaa qaba.

Inni muka wayinii koo onsee

harbuu koos barbadeesseera.

Inni qola isaanii irraa quncisee lafatti gatee

dameelee isaanii duwwaa hambise.

Isin akkuma durba wayyaa gaddaa uffattee

dhirsa ijoollummaa isheetiif gaddituutti booʼaa.

Kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun

mana Waaqayyoo irraa citaniiru.

Luboonni fuula Waaqayyoo dura tajaajilan

booʼaa jiru.

Lafti qotiisaa oneera;

laftis gogeera;

midhaan barbadaaʼeera;

daadhiin wayinii haaraan dhumeera;

zayitiinis dhabameera.

Yaa qonnaan bultoota, isin raafamaa;

warri wayinii dhaabbattan booʼaa;

sababii midhaan lafa qotiisaa keessanii

barbadaaʼeef qamadii fi garbuudhaaf booʼaa.

Wayiniin gogeera;

harbuunis coollageera;

roomaaniin, meexxii fi hudhaan,

mukkeen lafa qotiisaa hundinuu goganiiru.

Dhugumaan gammachuun ilmaan namaa

irraa badeera.

Waamicha Qalbii Jijjiirrachuu

Yaa luboota, wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa;

isin warri iddoo aarsaa dura tajaajiltan wawwaadhaa.

Isin warri fuula Waaqa koo dura tajaajiltan

kottaatii wayyaa gaddaa uffadhaa bulaa;

kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun

mana Waaqaa irraa hambifamaniiruutii.

Sooma qulqulluu labsaa;

waldaa qulqulluu waamaa.

Maanguddootaa fi

warra biyyattii keessa jiraatan hunda

gara mana Waaqayyoo Waaqa keessaniitti waamaatii

Waaqayyootti booʼaa.

Badne kaa! Guyyaan sun dhiʼaateera.

Guyyaan Waaqayyoo gaʼeeraatii;

inni akkuma badiisaatti // Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa dhufa.

Ijuma keenya duratti

nyaanni cite;

ilillee fi gammachuunis

mana Waaqa keenyaa irraa hin cinnee?

Sanyiin lafa keessatti

tortoree hafe.

Mankuusni diigameera;

gombisaan caccabeera;

midhaan gogee hafeeraatii.

Loon akkam marʼatu!

Karri loonii sababii waan dheedu dhabeef

asii fi achi joora;

bushaayeenis dhiphataniiru.

Yaa Waaqayyo ani sin waammadha;

ibiddi lafa dheedaa barbadeessee

arrabni ibiddaa immoo mukkeen diidaa hunda gubee fixeeraatii.

Bineensonni bosonaa sitti gaggabu;

lagni bishaanii gogeera;

ibiddis dirree dheedaa gubee balleesseera.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.