Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Hooseʼaa 14

Eebba Argachuudhaaf Qalbii Jijjiirrachuu

Yaa Israaʼel, gara Waaqayyo Waaqa keetiitti deebiʼi.

Ati sababii cubbuu keetiitiif gufatteetii!

Dubbicha fudhadhuutii

gara Waaqayyoo deebiʼi.

Akkanas jedhiin:

“Cubbuu keenya hunda nuuf dhiisi;

akka nu ija arraba keenyaa siif dhiʼeessinuuf,

arjummaadhaan nu simadhu.

Asoor nu oolchuu hin dandaʼu;

nu fardeen lolaa hin yaabbannu.

Nu siʼachi deebinee, waan harki keenya hojjeteen,

‘Waaqota keenya’ hin jennu;

daaʼimman abbaa hin qabne gara laafina sirraa argatuutii.”

“Ani gantummaa isaanii nan fayyisa,

toluman isaan jaalladha;

aariin koo isaan irraa deebiʼeeraatii.

Ani Israaʼelitti akkuma fixeensaa nan taʼa;

inni akkuma daraaraa ni daraara.

Inni akkuma gaattiraa Libaanoon

hidda isaa gad fageeffata;

dameen isaa ni guddata.

Miidhaginni isaa akkuma muka ejersaa taʼa;

urgaan isaa akkuma gaattiraa Libaanoon.

Namoonni ammas deebiʼanii gaaddisa isaa jala jiraatu.

Inni akkuma midhaanii lalisa.

Akkuma muka wayinii dagaaga;

maqaan isaas akkuma daadhii wayinii Libaanoon beekama.

Yaa Efreem, ani kana caalaa // waaqota tolfamoo wajjin dhimma maaliin qaba?

Kan deebii siif kennee si eegu anuma.

Ani akkuma muka birbirsa lalisaa ti;

amanamummaan kee ana irraa dhufa.”

Namni ogeessi eenyu? Inni waan kana ni beeka.

Qalbii qabeessi eenyu? Inni waan kana ni hubata.

Karaan Waaqayyoo qajeelaa dha;

namni qajeelaan isa irra deema;

finciltoonni garuu isa irratti gufatu.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.